Muaz Muhiddin

Muaz Muhiddin Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Muaz Muhiddin, Grocers, Oromiyaa, Jimma.

Assalamualaikum warahamatullahi wabarakatu sheer waliif godha    qophii   iyyafannoGuyyaa kamisa magaala jimmaa bootan i...
21/01/2024

Assalamualaikum warahamatullahi wabarakatu sheer waliif godha qophii iyyafanno
Guyyaa kamisa magaala jimmaa bootan isaa dolollo biraatti bajaaji kontoraata qabate silkii erranfate bu'e abban anaatu gatee jedhuu silkii armaangaditti haabilbiluu 0925351898 silkiin siimii of kessaa hinqabuu

14/10/2023

Gaazaatti namoonni 2,200 du'uu Ministeerri Fayyaa beeksise

Haleellaa qilleensaa Israa'eel Gaazatti gaggeessaa jirtuun hanga ammaa lammiilen Filisxeem 2,200 du'uufi 8,700 ol ammoo madaa'uu Ministeerii Fayyaa Filisxeem beeksise,

Lakkoofsi kun kanneen Gaazaa keessatti halleellaa qilleensarraa Israa'elin du'an qofa osoo hin taane Weest Baank keessatti hokkara ka'eenis akka ta'etu ibsame.

Weest Baank keessatti tarkaanfii Israa'el fudhatteen namoonni 54 yoo du'an, 1,100 kan ta'an ammoo madaa'uu beeksise ministeerichi.

Israa'el lammiilen Filisxeem Kaaba Gaazaa keessa jiraatan miliyeena 1.1 sa'aatii 24 keessatti akka bahan jettee akeekkachiisa kennuunshee dheekkamsa heddu kaasera.

Akeekkachiisi Israa'el kun humna lafoon Gaazatti weerara eegaluuf akka ta'etu ibsamaa jira.

17/09/2023
17/09/2023
طالب رضي الله-HAQA HAADHAA ••••••••••••••••••Namni Saaliha Tahe Tokko Waa'ee Haqa Haadhaa Gaafatamee Yommuu Deebisu Akka...
30/08/2023

طالب رضي الله-
HAQA HAADHAA
••••••••••••••••••

Namni Saaliha Tahe Tokko Waa'ee Haqa Haadhaa Gaafatamee Yommuu Deebisu Akkana Jechuun Gorsa Kennee Jira;

1. Sagalee kee sagalee ishee irra ol kaaftee hin haasawiniin
2. Mormii hin barbaachifne hin morminiin
3. Osoo isheen dubbattee hin xumurin hin dubbatin
4. Maqaa isheetiin ishee hin yaaminiin
5. Hirriba ishee osoo hin xumuratin ishee hin dammaqsiniin
6. Sababa yoo qabaatte malee ishee dursitee hin socho'in
7. Akkuma gabrichi Rabbii Rabbii isaatiif of gadi qabu sana atis golga of gadi qabiinsaa kee gadi qabiif
8. Osoo si yaamtee hin xumurin "Yaa" jechuun dafii jalaa awwaadhu
9. Manaa baatee alatti jalaa hin turin qalbiin ishee ni rifattiiti

10. Yommuu ishee ilaaltu ija itti hin bobaasin
11. Haasawa kan keetiin itti hin jabaatin
12. Yommuu siin loltu ati garuu hin lolin
13. Haasawa ishee hin tuffatin
14. Yommuu dhiphatteenii agartuun mari'adhuun
15. Yommuu rakkatte itti dhihaadhuu qarqaariin
16. Yommuu dhukkubsatte ishee yaalchisiin
17. Yoo daaromte daara ishee baasi
18. Dhimma ishee hunda dhimma kooti jedhi
19. Yaadaa fii karoora ishee qoodami
20. Rahimoota isheetti hidhami

21. Jaallota ishee jaaladhuuf
22. Abaarsa ishee irraa of eeggadhu
23. Ishee mufachiisuu irraa fagaadhu
24. Suuta jedhi ishee hubachiisi
25. Haasawaa fii haala ishee hubatuu dandeessuun isheen haasawi
26. Du'aa'ii ishee barbaadadhu
27. Eebba ishee irratti wal dorgomi
28. Kaayyoo kan kee hin dhoksiniin
29. Osoo isheen hin teenye dursitee hin taa'in
30. Salaata hunda irratti du'aa'iin ishee hin irraanfatin

Harmee koo Rabbiin teessoo kee jannata haa godhu! jedhi

Qur'aana, Hadiisa, Gorsaa Adda Addaa. Irraa Haa Baraatuu Odeyfaano Qabsoo Hawaas Muslimaa Hordofuu Yoo Barabaddee page tana like godhii.

25/08/2023
25/08/2023

🌷 SEENAA AJAA'IBAA!! 🌷

Ibsliis Abaaramaan gaaf takka bakka jiraatu irraa ilmaan isaa waliin godaanu barbaade, tokkoon ilmaan isaa: "An bakka tanarraa hin deemu hagaan waan hojjatamuu qabu hojjadhuu." Ja'e.

Fageenyumarraa gojjoo takka arke, gara gojjoo sanii deeme, sa'aa looni khan intalti takka haadan hiite elmu jirtutti dhufe, haaduma sa'aatti jiru san sossoose, sa'aaniis rifateetuma weelka annan itti ilmemu jiru dhawee garagalche, intaltiniis aarteetuma sa'aa wab goote ajjeefte, khana jaarsiniis yeroo dhufe sa'aa du'ee lafa ciisu arginaan jaartiin lolee tumee hiikhe, wahi achitti dhaabbattee dubbiin warri intalaatiis aaranii gurbaa tuman, gosti gurbaatiis aaranii gosa intalaatiin walitti bobahanii wal-lolanii wal-fixan.

Ibliis akka malee ajaa'ibeeti maaluma hojjatte ja'ee ilma isaa gaafate?
Ilminiis: Humaa hin hojjanne -HAADUMAAN SOSSOOSE- ja'een.

👉 CUUNFAA DUBBII.
Jechaa ykn gochi khee tokko khan akka laafatti hojjattuutu adduyaa tana diigu dandaha.
Sheyxaanii siif harriqee siduraa hiiqqata ganaa sumaatu itti hiixxata.
Inni suma shida, ati shidamtee shiddee shiddaa uumta.
♥️❣️

19/08/2023

Zikrii yeroo salaata irraa salaamtaa bahanii

أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ (ثَلاَثَاً) اللَّهُمَّ أَنْتَ السَّلاَمُ، وَمِنْكَ السَّلاَمُ، تَبَارَكْتَ يَا ذَا الْجَلاَلِ وَالْإِكْرَامِ
Yaa Allaah naaf araarami (si’a sadii jedha) Ergasii "yaa Rabbi situ nagaadha. Nageenyi si biraa argamas. Yaa abbaa guddinaafi kabajaa khayriin kee baay’ateera"

لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ [ثلاثاً]، اللَّهُمَّ لاَ مَانِعَ لِمَا أَعْطَيْتَ، وَلاَ مُعْطِيَ لِمَا مَنَعْتَ، وَلاَ يَنْفَعُ ذَا الْجَدِّ مِنْكَ الجَدُّ
Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Inni tokkicha hiriyaa hin qabneedha. Mootummaan kan isaati. Faaruunis kan Isaati. Inni waan hundaa danda’aadha. Yaa Rabbi waan ati kennite dhorgataan hin jiru. Waan ati dhorgatte immoo kennaan hin jiru. Abbaa qabeenyaa adabbii kee irraa qabeenyi isaa hin fayyadu.

سُبْحَانَ اللَّهِ، وَالْحَمْدُ لِلَّهِ، وَاللَّهُ أَكْبَرُ (ثلاثاً وثلاثين)
لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ
Rabbiin qulqullina isaan malu qulqullaa’e. Faaruun kan Rabbiiti. Rabbiin waan hundarra guddate. (Si’a soddomii sadii jedha)
Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Inni tokkicha hiriyaa hin qabneedha. Mootummaan kan isaati. Faaruunis kan Isaati. Inni waan hundaa danda’aadha.

اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ عِلْماً نافِعاً، وَرِزْقاً طَيِّباً، وَعَمَلاً مُتَقَبَّلاً
Yaa Rabbi ani beekumsa fayyadu, soorata gaariifi hojii qeebalamaan si kadha. Booda salaata Fajrii irraa salaamtaa bahee jedha.

Rasaasa moo basaasaKamtu gargar nu baasaOlolamoo dhukaasaAbbaan fedhe basaasuuKan du'e boollaa kaasuuMiisaa'ela dhukaasu...
18/08/2023

Rasaasa moo basaasa
Kamtu gargar nu baasa
Ololamoo dhukaasa

Abbaan fedhe basaasuu
Kan du'e boollaa kaasuu
Miisaa'ela dhukaasuu
Naaf siingargar hin baasu

Haa baratu hunduu kana
Ani si'i situ ana
Nuti wali nafa tokko
Shanis miti nama tokko

Haa dhama'u kan dhama'u
Tokko hiruu hin danda'u
Yaala malee fiixan ba'u

Gara kutii jecha dhumaa
Anaaf ati kennaadhuma💓

Address

Oromiyaa
Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Muaz Muhiddin posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category