Dargaggoo Abdii Boru

Dargaggoo Abdii Boru Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dargaggoo Abdii Boru, Grocers, Qarsaa, Harer.

12/10/2025
11/10/2025
Jijjirama Mul’ate Itti Fufsiisaa Hanqinoota Mul’atan Hunderraa Maqsuun,Imala Badhaadhiinaa haa Dhugoomsinu! Obbo Habtamu...
11/10/2025

Jijjirama Mul’ate Itti Fufsiisaa Hanqinoota Mul’atan Hunderraa Maqsuun,Imala Badhaadhiinaa haa Dhugoomsinu! Obbo Habtamu Tasfaye
__________
Harargee Bahaatti Gamaaggamni Raawwii Hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 1ffaa bara 2018,koree Qindeessaa Aanaa/Magaala, Hogganssa Seektaroota Aanaa, Hogganssa Godinaa Kan Hirmaachiise Magaalaa Hararitti Guyyaa lamaaf(2) Gaggeeffamaa ture,karaa milkaa'ina qabuun Golabameera.Golabbii Gamaaggama kanarratti IG Paartii Godinichaa Obbo Habtamu Tasfaye fi I/A Biroo Daldala Oromiyaa Obbo KifleeTaaddalaa wal duraa duubaan Yaadaa fi Gaaffii Hirmaattoota bira ka'aan yaada itti kennaniiru.

Haasaa IG Paartii Badhaadhiina Damee Godinichaa Obbo Habtamu Tasfaye taasisanin,Gamaggama Hojii kurmaana 1ffaa irratti kallattii kennaniin hooggansi of ijaaraa,of jijjiiraa, of gahoomsaa hin deemuu taanaan uummanni jijjiiramu hin jiru waan ta'eef hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru dhimmoota kanaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu dhaamaniiru.

Akkasumas hojii muraasatti quufuun eegduu hiyyummaa nu gochaa waan jiruuf hooggansi amala kana keessaa ba'uu akka qabu himuun waan xinnoodhaan dubbii madaalaa deemuu,imala guddaa,mul’ata guddaa uummata keenyaaf qabanne sadarkaa barbaaddamu gahuudhaaf hanga dhumaatti deemuudhaaf qophaa’aa ta’uu dhabuun hooggansa biratti bal’inaan dhimma calaqqisu ta'uu ibsanii jiru.

Ilaalchonni akkasii hiyyummaa uummata keenyarratti tursuu danda’u waan ta'ee hooggansi of ijaaree, of ga'oomsee, of jijjiiree irraa of eeggachuun gabaasa sobaa kaansarii hojii keenyaa ta'e irraa of qusachuun araarama tokko malee irratti qabsaa'uu barbaachisaa ta'uu dhaamaniiru.Hogganssi Keenya Waan Sadeen Hogganuu qaban armaan gadi qabu akka armaan gaditti kaasaniiru.Haala Hogganu, Tajaajila Hogganuu,Inisheetiviwwan hogganuu akka qaban Obbo Habtamuun dubbattaniiru...Xumurarratti Obbo Habtamu Tasfaye ergaa dhaamaniin, Badhaadhina maatii mirkaneessuuf karoora hojiilee misoomaa guutummaan hojiitti hiikuun murteessaa ta'uu ibsanii, rakkooleee uummataa bu

Bulchitoonni Bulchiinsota Godinaalee Oromiyaa, I/G Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kefyalew  Tefera  Waliin tah...
11/10/2025

Bulchitoonni Bulchiinsota Godinaalee Oromiyaa, I/G Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kefyalew Tefera Waliin tahuun,Bulchaan Godina Harargee Bahaa Aadde Miski Mohammed fi Bulchaa Godina Hararghee Lixaa Aadde Ekram Xahaa dabalatee ,kan godinaalee Oromiyaa hundi daawwannaa Hojii fi Muuxannootiif Gamtaa Imaraatota Arabaa,Dubai (UAE, Dubai) deemuun Daawwattaniiru‼️

"Hojiileen jireenya lammiilee jijjiiran caalmaatti babal'achuu qabu!" MMI Dr.  Abiyyi Ahimad= = =Hojiileen jireenya lamm...
11/10/2025

"Hojiileen jireenya lammiilee jijjiiran caalmaatti babal'achuu qabu!" MMI Dr. Abiyyi Ahimad
= = =
Hojiileen jireenya lammiilee jijjiiran caalmaatti babal'achuu qabu edhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojiilee misooma Koriidarii baadiyyaa ilaalchisee hoggantoota mootummaa federaalaa fi naannolee waliin mari'ataniiru.

Hojiileen misooma Koriidarii baadiyyaa jireenya qonnaan bultootaa jijiirruu akka danda'u hojiileen Godinaalee Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa keessatti hojjetaman agarsiiftuu ta'uu eeran.

Rakkoo Quucarummaa daa'immanii kan balleessinu yoo hojjenne qofaadha jedhan.

Hojiin misooma Koriidarii rakkoo quucarummaa daa'immanii madataa ture furuu akka danda'u eeran.

Qe'ee Qonnaan bulaatti gosoonni nyaataa madaalawaa ta'an waan oomishamaniif quucarummaa hambisuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasan.

Hojiileen jireenya lammiilee jijjiiran caalmaatti babal'achuu akka qaban hubachiisan Dooktar Abiy Ahimad marii hoggantoota kanneen waliin taasisaniin.

Keessattuu hoggantoonni naannolee fi godinaalee hojiilee akka moodeelaatti eegalaman kanneen dachaan baay'isuuf hojjechuu akka qaban yaadachiisan.

Address

Qarsaa
Harer

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dargaggoo Abdii Boru posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category