17/01/2026
Namuma ati akka barbaaddetti oliif gadi oofaa turte, Kan yeroo feete cuftee yeroo feete bakkuma itti dhiistetti deebitee argattu, Kan Yeroo feete aarsitee yeroo feete araarsaa turteetu guyyaa tokko bilbila kee hin kaafne, text tee banee hin laalle, karatti walitti dhuftaniillee gara galee odoo si hin laalle ija Sirraa deeffatee darba.
Yeroo san wanti hundi siif gala, deebitee dubbisuufillee dharraatee carraa dhabda, si jeequufii amma amma deddeebi'uu isaanii san hawwita. Garuu abadan deebitee isaan bakka duraanii sanittu hin Argitu. Abdii kutadhu !
Waan hin jijjiiramne seetanii nama jaalala teessaniif kufe miira isaanii irratti hin dhiichisinaa, guyyaa takka jijjiramaniiti isini garsiisuuđź’”
https://t.me/birraajalala