Sheger Properties

Sheger Properties Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Sheger Properties, bermingham, Harar.
(2)

Amma Garaagarummaan ጀwaar fi mangiftii amma biyya bulchaa  jiru akka Uraa lilmoo waan dhiphachaa dhufte fakkaatti 😊Inter...
10/10/2026

Amma Garaagarummaan ጀwaar fi mangiftii amma biyya bulchaa jiru akka Uraa lilmoo waan dhiphachaa dhufte fakkaatti 😊

Interview isaa guyyaa har’aa irratti jawaar akkas jechuun qabxiiwaan ijoo kaasee dubbate. "Dhimma siyaasaa keessoo keenyaa irratti Dr Abiy Ahmed Ali waliin wal-dhibdee siyaasaa qabaachaa turre. Wal dhiibdee siyaasaa barbaade yoo qabaannes dhimma birmadummaa biyyaa irratti Ethiopian biyya kooti "Abiy Mootummaa kooti, isa cinaa dhaabbadheen biyya koo saamtotaa fi baandota irraa nan ittisa" Yoo biyyi jiraatte siyaasni jiraata jechuun dubbate!

“Ameerikaafi dhaabbileen idil-addunyaa Eertiriyaafi Sudaan daangaa Itoophiyaa humnaan cabsanii akka hin seenneefi Itoophiyaanis daangaa isaanii humnaan cabsitee akka hin seenne dhiibbaa gochaa turan. Isaayyaas Afawarqii akeekkachiisa kana dhaga'uu didee daangaa Itoophiyaa cabsee seene. Tarkaanfiin kun Isaayyaas irratti dhiibbaa dippiloomaasii guddaa uume. Mootummaa Itoophiyaaf immoo bu'aa dippiloomaasii guddaa argamsiise.”

" Abiy gaafa jalqaba gara aangootti dhufuu malee takkaa akka yeroo ammaa kanatti deeggarsa argatee hin beeku, amma akka addunyaatti deeggarsa argataa jira.

Akkasuma humni raayyaa ittisaa lafoo akkaan an yaada ture caalaa jajjaboodha. Humni kun qophii guddaa fi onnee guutuun sochii taasisaa jiru. Humni qilleensaa immoo kana caalaa jajjaboodha" jechuun Rayyaa Ittisaa Biyyaa faarsee jira.

"Siyaasaa kamiyyuu kan dursu birmadummaa biyyaati🫡

"Siyaasatu darajaa Jawaar qofti taphachuu dandahu irra gahe. Kanaaf geerrara Jawwuun..."Warri "siyaasa xiinxalla" jettee...
10/10/2026

"Siyaasatu darajaa Jawaar qofti taphachuu dandahu irra gahe. Kanaaf geerrara Jawwuun..."

Warri "siyaasa xiinxalla" jettee wil wil jettu muluun hin harcaate osoo simmintiiyyu hin seenin. ummataayyu hanqatte kanneen akka Lidatuu, Milkeessaa, Hisqeel fa'a. Doonii garba gubbatti Kompaasin harkaa dhaame taate jarattiin. Tsimdoo jala qabani kompaasii harkaa gatan!😀

📌 Mangistiin immoo Practically itti jira tapha siyaasa miillanaa!

Jawween tabba namana. warri jawwuun badhaadhina fudhate jettanis manaama keessa jirtan. booda bakkumatti deebi'a tapha kana geessee✋

Akkana!😀

Eertiraan Itoophiyaa weerartee jirti, akka maddi oduu "Al_Arabiya" jedhamutti;fi "DW Amharic" weerara Shabia Adigrat irr...
07/10/2026

Eertiraan Itoophiyaa weerartee jirti, akka maddi oduu "Al_Arabiya" jedhamutti;
fi "DW Amharic" weerara Shabia Adigrat irratti namoota ijaan argan wabeeffachuun gabaasee jira.

Gabaasni kunniin adeemsa waliigalaa Itoophiyaaf ragaa seenaa gaarii ta’uu; seenaa keenya dhiyoo keessatti galmaa’ee;

Weerarri Shabiyaa ammaa kun hamilee humnoota abdii kutatan ijaaruu fi _ TPLF fi hidhattoonni biroo daandii nagaa akka hin deebine ...

Haa ta’u malee, faallaa kaayyoo isaa isa hamaa; Tarkaanfii haaloo ba'uu Itoophiyaa itti aanu (yeroo baay'ee "karaa Maariyaam" jedhamee waamamu). Isaayyaas humnoota alagaatiin amanamuu hin danda'u.

Haala kamiinuu loltoonni Shabiyaa akka awwaannisaa dachee abbaa biyyummaa Itoophiyaa keessatti gad bu'aa jiru. Har'a qofa bakka kudhan gadi hin taanetti _ konkolaataa fe'umsaa keessa osoo jiranii fi haleellaa diroonii birootiin ajjeefamaniiru.

 !.​Mootummaan   ifatti Itoophiyaa irratti   labsuun isaa mirkanaa'eera. ​Waraana kanaan wantoonni gurguddoon lama ta'uu...
07/10/2026

!.

​Mootummaan ifatti Itoophiyaa irratti labsuun isaa mirkanaa'eera. ​Waraana kanaan wantoonni gurguddoon lama ta'uun isaanii hin oolu jedhu hayyoonni. Isaanis

1,​ Sirni Shaabiyaa fi diinni cimaan Itoophiyaa Isayyaas Afaworqii, lammata Gaanfa Afrikaatiif yaaddoo akka hin taaneetti dhuma irratti ni dhabamu!

2,​ Balballi bal'atee Itoophiyaaf hamma dhumaatti ni banama!

Waanta fedheyyuu haa ta'u inni qulqullus Cubbamas haa ta'u ammatti Osoo waltajjii Irechaa irratti baasuu baatani gaaridh...
03/10/2026

Waanta fedheyyuu haa ta'u inni qulqullus Cubbamas haa ta'u ammatti Osoo waltajjii Irechaa irratti baasuu baatani gaaridha ture

WBO-Shanee dabalatee gareen hidhattootaa torba tarsiimoo tumsa isaanii ifoomsanDhugaa Media Finfinnee, Fulbaana 20, 2026...
20/09/2026

WBO-Shanee dabalatee gareen hidhattootaa torba tarsiimoo tumsa isaanii ifoomsan

Dhugaa Media Finfinnee, Fulbaana 20, 2026:

Gareewwan hidhattootaa torba kan naannoolee Itoophiyaa garaa garaa keessa socho'an, gamtaa haaraa ijaarrachuun tumsa tarsiimoo isaanii ifa godhan.

Suur-sagalee (viidiyoo) Televijiinii Tigiraayin waraabame irratti, gareewwan kana bakka bu'uun tumsa fi tarsiimoo uumamee yeroo dubbisu kan muldhatu ajajaa ol'aanaa Faannoo Zammanee Kaasaa yoo ta’u, gamtaan haaraan ijaaramee kun, Itoophiyaa keessatti “mootummaa ce’umsaa hunda haammate” hundeessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Tumsi gamtaa haaraa kunis mata duree “Tumsa uummata Itoophiyaa Lubbuun Jiraachisuuf” jedhames moggaafamuun ibsameera.

Akka ibsa gamtichaa keessatti barreeffametti ammoo, kaayyoon isaa humnoota siyaasaa fi hidhattootaa gara tokkootti fiduun jijjiirama siyaasaa fiduudha.

Gareen Dhugaa Miidiyaas gama keenyaan tumsa kana akka gamaaggamnetti, ajajaa ol'aanaan WBO-Shanee Kumsaa Dirribaa fi Dr. Debretsion dabalatee, gamtichi dura bu'aa Faannoo Zammanaa Kaasaan akka hoogganamu mul’isa.

Haa ta’u malee, Jaal Marroo dabalatee, gamticha keessatti qoqqoodinsi aangoo fi sadarkaa hojii isaanii hin ibsamne.

Gareewwan gamticha hundeessan keessaa Sochii Biyyoolessaa Faannoo Amaaraa (AFAMN), Waraana Adda Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Adda Bilisummaa uummata Tigraay (TPLF) akka ta'an eeramaniiru.

Ibsi waa’ee hundeeffama gamtichaa kun dilbata, har'aa Fulbaana 10, 2019 miidiyaalee naannoo Tigraay irraa tamsa’aa tureeni.

Miseensota gamtichaa keessaa kanneen biroon akka Adda Bilisummaa uummata Ogaadeen, Adda Warraaqsa Tokkummaa Biyyoolessaa Affaar, Sochii Bilisummaa uummata Benishaangulii fi Sochii Dimokraatawaa uummata Gumuz akka jiranis ibsameera.

Gareewwan kunneen, kaayyoo siyaasaa waloo irratti hundaa’uun mootummaa ce’umsaa hunda haammate ijaaruuf hojjechuuf waliigaluu isaaniis ibsaniiru.

kanatu tahe hardha
19/09/2026

kanatu tahe hardha

Jalqabarratti Afaan Tigiriffaan walitti dubbataa turan, achiin booda wanti ta'e waan nama leeyyasisudha, Phaaphaasii Abu...
19/09/2026

Jalqabarratti Afaan Tigiriffaan walitti dubbataa turan, achiin booda wanti ta'e waan nama leeyyasisudha, Phaaphaasii Abuna Aaregawwin akkamiin ijoo dubbii ta'an?

Dhugaa Media Finfinnee, Fulbaana 19, 2026:

Maqaaan isaanii guutuun, Abbaa Isaayyaas Abune Aaregaawwii jedhamu Magaalaa Maqaleetti Qeesii bataskaana tokkooti, bulchiinsa sonodoosii keessaas qooda akka qaban odeeffanneerra, guyyaa har'aa kanammoo, dhimma ijoo miidiyaa hawaasummaa kanas ta'aniiru.

Namoonni fi fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaas bal'inaan waa'ee Viidiyoo dhoksaadhan dubartii tokkoon warabamuun saaxilame kan Abbaa Isaayyaas Abune Aaregaawwiin keessatti muldhatan irratti yaada garaa garaa kennaa jiru.

Namni dhuunfa tokko dhimmicharratti yaada isaa Feesbuukii kanarratti katabeen "kun kan reefuu saaxilame malee, Waan haara miti; baalagummaan abbootii amantii muraasaa daangaa darbeera" jedhe.

Kuun ammoo, "Abune Baaltaazaar" jechuunis yaada isaanii barreessaniiru.

Walumaagalatti, Wanti ta'ee argame akkas ture, Jalqabarratti Viidiyoon daqiiqaa 2 fi sekoondii 38 tokko akka agarsiisutti, dubartiin kan itti yaaddee Viidiyoo waraabaa turte tokko Qeesii bataskaanaa Abune Aaregaawwii kana waliin ta'uun Afaan Tigiriffaan mana saaloonii bal'aa ifaan banamee jiru tokko keessatti dudubbataa argamu, achiin wanti ta'e kan ta'e jedhamee luba mitii, nama guddaa tokkorrayyu hin eegamnedha.kan safuufi Aadaa biyyattiis cabsudha.

Amma duras Lubni Ortodoksii kun, Tigiraay Maqalee keessatti, namoota amantii dawoo godhachuun dargaggoonni Tigraay dirqiin waraana akka deemaniifi haala mijeessaa turan keessaa tokko ta’uu qoranneerra.

Jeneraalli Yaman Eertiraatti Baqachuu Gabaafame!​Torban kana dhimmi biyya Yaman oduu ijoo addunyaa ta'ee jira. Hidhattoo...
13/09/2026

Jeneraalli Yaman Eertiraatti Baqachuu Gabaafame!

​Torban kana dhimmi biyya Yaman oduu ijoo addunyaa ta'ee jira. Hidhattoonni Houthi (kan Iraaniin deggaraman) deebisanii socho'uudhaan magaalaa Moka fi poortii (port) to'annaa isaanii jala oolchaniiru. Kana malees, sarara geejjiba bishaanii murteessaa ta'e Baabel Mandeb to'achuu danda'aniiru.

​Magaalaa fi poortii Moka kana duraan kan bulchaa ture humna biyyaalessaa ('National Resistance Force') ta'us, haleellaa Houthi gaafa Roobii raawwatameen humni kun mo'atameera.

​Gabaasa steshinii saayinsii fi oduu RT (Russia Today) akka gabaasetti, ajajaan humna kanaa Mejer Jeneraal Tarek Saleh haleellaa sana booda eegdota isaa amanamoo muraasa waliin dhokatanii Yaman irraa baqatee Eertiraa seenuu viidiyoon gabaasameera.

​Einfa Mejer Jeneraal Tarek Saleh?

​Aadaa fi Maatii: Tarek Saleh ilma obboleessa pirezidaantii Yaman duraanii Ali Abdullah Saleh ti. Abbaan isaa Mejer Jeneraal Mohammed Abdullah Saleh kan du'aan boqote yoo ta'u, Tarek immoo itti aanaa dura taa'aa mana maree pirezidaantii Yaman (Presidential Leadership Council) ta'uudhaan tajaajilaa ture.

​Seenaa Waraanaa (2015): Yeroo waraanni Yaman bara 2015 ka'u, Tarek loltoota pirezidaantii Saleh dursuudhaan hidhattoota Houthi waliin tumsa uumee lolaa ture.

​Garagalcha Tumsaa (2017): Bara 2017 keessa garuu tumsi Houthi fi Saleh diigamee walitti bu'aniiru. Saniin booda Tarek Houthi irraa gargar bahuudhaan humna biyyaalessaa haarawa jaaree, qarqara galaana Yaman (magaalaa Moka dabalatee) to'achaa bulchaa ture.

​Sababa Dhiibbaa Guddaa Uumuuf:
Jeneraal Tarek Saleh'n Moka gadi dhiise baqachuun isaa fi poortiin Moka harka Houthi galuun isaa, to'annaa Galaana Diimaa (Red Sea) fi haala waraana Yaman irratti jijjiirama guddaa fi dhiibbaa naannoo sanaa uuma jedhamee eegama.

Just In:🚨🇮🇱🇱🇧 Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Yaman keessatti garee shororkeessummaa Huutii Iraan...
12/09/2026

Just In:🚨🇮🇱🇱🇧

Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Yaman keessatti garee shororkeessummaa Huutii Iraan deeggaramuu irratti duula waraanaa naannootti makamuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Gabaasni gaazexaa Libaanos Al-Akhbar irraa bahe akka mul’isutti, Israa’el biyyoota Arabaa keessa jiran kanneen sochii gareen kun naannicha keessatti raawwatamuun miidhamaniif gargaarsaa fi gargaarsa kennuuf qophii ta’uu ministeerri muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Netaaniyaahuun akka jedhanitti, humnoonni Huusii qarqara galaanaa dhihaa Yaman irratti tarkaanfachuu isaanii fi dhiheenya kana odola tarsiimoo taate Perim kan Bab al-Mandab Strait keessatti argamu gahuun isaanii yaaddoo guddaa naannoo ta’ee fi dhimma nageenya addunyaa osoo hin ta’iin dura furmaata argachuu qabu ta’uu ibsaniiru.

Muummichi ministeeraa itti dabaluudhaan Ameerikaa fi michoonni addunyaa biroo sochii Huusii daldala galaanaa irratti balaa ta’uu qofa osoo hin taane sirna addunyaa bal’aa irratti qormaata kallattiin akka ilaalu cimsanii ibsuun, Israa’el humna walfakkaatu Hamaas fi Hizbullaah irratti fayyadamteen Huusii irratti akka sochootu cimsanii dubbataniiru.

Ana: Hoggantoonni finciltoota Huutii yoo humnoonni Israa’el gidduu seenan lubbuun akka hin hafne hubachuu qabu. Hanga Israa’elii fi Ameerikaa ilaallatutti gareewwan shororkeessummaaf gara laafina waan hin jirreef, tarkaanfii isaanii irra deebi’anii ilaaluun tarsiimoo haaraa baasuu qabu.

Waan Hamaas fi Hizbullaah mudachaa jirus ilaaluun Israa’el dhufaa akka jirtu hubachuu qabu.

Address

Bermingham
Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sheger Properties posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share