06/12/2025
✅Namni du'e jalqaba yeroo qabrii keessatti Rabbiin lubbuu isatti deebisu akka du'e ofii hin beeku.
✅Essaan jira jedhee ofii laala yeroo uffata isaa laalu uffanni isaa kan inni dur beeku hin jiru
Akkas jechuun of gaafata eessa jira shamiziin koo eessa jira tichertiin koo jedha.
👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌
✅Amma bakka kophaas akka jiru yaadatee gandi kun hedduu isa yaachisee akkas jedhee nama gaafa aduunyaarra jiru isatti dhiheenya qaban waama
♥️Yaa fulani
♥️Yaa fulaan
♥️Yaa abalu
♥️Yaa abalu
✅Jedhee warra aduunyatti isa cinaa dhaabbatee waa hundarratti isa jajjabeessaa ture hunda maqaa isaanii hunda erga waamee booda namni tokko akka isatti hin dhufne erga hubatee booda gandi kun ganda qabrii jedhamu san ta'uu hubatee.
✅Gama rabbii isaa deebi'ee Yaa Rabbi Yaa Rabbi jechuu eegala, Achi booda yoo inni aduunyaaratti nama gaarii dalagaa ture ta'e Malaa'ikaan lama isatti dhufanii
👨🎓Waa sadi 3 isaa gaafatan:•
♥️Rabbiin kee eenyu ?
♥️Nabbiin kee eenyu ?
♥️Diin kee maali ?
✅Yoo gaafii sadeen kana deebise isa gammachiisanii mana isaa kan jannata keessaa isa gar siisanii akkas isaan jedhan osoo ati nama gaarii dalagatu ta'uu baattee manni kee kana jedhanii ibidda jahaannam keessaa isa gar siisan yeroo kana ni jedha yaarabbi qiyaamaa amumma taasisi.
✅Yoo nama gaafii san sadeen deebisuu hin dandeenye taate isa dhawan burusha hadiidaatiin ammas lubbuu isatti deebisan iyyeensa inni iyyu namaa fi jinnii malee uumamni hundi ni dhageha hulaa jannataa bananii mana isaa kan inni osoo gaarii dalagatee seenu isatti mul'isan ni gammada manni kee kana jedhanii hulaa jahannam isaaf bana akkana jedha Yaa Rabbi qiyaamaa narratti hin taasisin jedhee rabbi kadhata
♥️Yoo dubbiftee xumurte Ergamaa Rabbii nabi Muhammad Sallaallahu Aleeyhi Wassallam Irratti salawaata busi♥️ hiriyyoota keessaniif share godha jzkl.