Fuad Jemal page

Fuad Jemal page Barris bara fakkataa nuuf darbaa jennettii!!! Bara tarree baraaf Tarres

28/05/2026
🇮🇷🇺🇸 Ministeerri haajaa alaa Iraan humnoonni Ameerikaa erga misaa’ela furguggistu fi bidiruuwwan Iraan irratti haleellaa...
28/05/2026

🇮🇷🇺🇸 Ministeerri haajaa alaa Iraan humnoonni Ameerikaa erga misaa’ela furguggistu fi bidiruuwwan Iraan irratti haleellaa qilleensaa raawwataniin booda Tehran ‘hammeenya kamiyyuu deebii malee hin dhiiftu’ jedheera.
.

28/05/2026
28/05/2026
Eid Mubaarak!Kalil with Abdo
27/05/2026

Eid Mubaarak!
Kalil with Abdo

26/05/2026
🧿 Duuba Mootummaa Ameeriqaa Waashington Keessatti Maaltu Ta'aa Jira?!🧿 Mootummaan Ameerikaa sodaa guddaa keessa jira: Ga...
24/05/2026

🧿 Duuba Mootummaa Ameeriqaa Waashington Keessatti Maaltu Ta'aa Jira?!
🧿 Mootummaan Ameerikaa sodaa guddaa keessa jira: Gabaasni haaraan yaalii ajjeechaa Pirezidantii Ameerikaa Donald Trump irratti raawwatame jedhu tokko naannoo Masaraa Mootummaa (White House) irratti faca'aa jira. Kunis naannichatti eegumsa waraanaa addaa fi cufiinsa guutuu naannichaa hordofsiiseera jedhame.
🧿 Haa ta'u malee, dhimmi nama dinqisiise dhadannoo sana qofa miti…Bifuma kanaan yeroo isaati.
🧿 Yeroo walfakkaatutti odeeffannoon iccitii bahe: Waliigalteen dinqisiisaa USA fi Iraan gidduutti dandeettii waraanaa hir'isuu fii carraa waraanaa naannichaa fii Addunyaan sodaachaa jiru dhaabuu irratti akka taasifame odeeffannoon ni dhagahama.
🧿 Tasa dhimmi sun guutummaatti jijjiirame…Waa'ee weeraraa fii misaa'ela dubbachuun dhumachaa dhufeera. Duubatti immoo gaaffileen siyaasaa gurguddoon ka'aa jiru.
🧿 Akkasumas, dhimmi xiyyeeffannoo addaa argate maali? Biniyaamiin Nataaniyaahuu haala baay'ee aaree fii dhiphateen mul'achuu isaati, akka waan dhimmi gurguddaan dhimma isaa ala ta'e tokko uumameetti.
🧿 Sana booda tilmaamni akka ibiddaa faca'uu jalqabe: Miseensonni waraanni akka dhumatu hin barbaadne jiruu laata? Waliigalteen tasgabbii tasgabbaa'aan Waashington fii Tehraan gidduutti godhame qaamolee dhimma kana irraa fayyadamaa turan burjaajeesseeraa? Adeemsi yaalii ajjeechaa Trump yeroo kanatti dhufuun isaa ergaa nuti tilmaamnu caalaa cimaa ta'e qabaa?
🧿 Hamma yoonaatti namni dhugaa guutuu beeku hin jiru…
🧿Garuu wanti mirkanaa’e tokko jira: wanti yeroo kana ta’aa jiru waan idilee miti; sa’aatiin dhufan mootummaawwan Addunyaa gurguddoo keessatti walitti bu’iinsa dhokataa jiru saaxiluu danda’u.
🧿 Yeroon yeroo murteessaa waan hunda jijjiiruu danda’u keessa jira… wanti har’a mul’atu kun jalqaba qofa ta’uu danda’a.

 :  Kasaaraan waraa-naa Baha Giddu Galeessaa keessatti mudate dandeettii ittisa misaa'elaa Amee-rikaa yeroo dheeraa bala...
22/05/2026

: Kasaaraan waraa-naa Baha Giddu Galeessaa keessatti mudate dandeettii ittisa misaa'elaa Amee-rikaa yeroo dheeraa balaadhaaf saaxilee jira!

Amee-rikaan yeroo wal dhabdee I!raan keessatti kuufama ittisa misaa’elaa THAAD keessaa walakkaa fi kuufama diroonii qabdu keessaa dhibbeentaa 20 akka dhabde gabaasni ba’eera.

Akka maddeen waraa-naa adda addaa ibsanitti, qabeenyi waraa-naa Ameerikaa yeroo hojii kana keessatti itti fayyadamtee fi bade maallaqaan doolaara biiliyoona 3 ol akka gadi bu’e tilmaamameera.

Qabeenyi waraa-naa saffisaan hir’achuun kun dandeettii yeroo dheeraa biyyattiin halee-llaa misaa’elaa gara fuula duraa irraa ittisuuf balaa guddaa fida. Akkasumas, itti fufiinsa hojii waraa-naa Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa keessatti, dinagdee fi waraa-naan, ogeeyyii tarsiimoo biratti gaaffii kaasaa jira.

Fala🇵🇸sxiinotaan wal loluu irraa gara Adduunyaan wal loluutti, Aduunyaan wal loluu irraa gara ofii isaaniin wal loluutti...
22/05/2026

Fala🇵🇸sxiinotaan wal loluu irraa gara Adduunyaan wal loluutti, Aduunyaan wal loluu irraa gara ofii isaaniin wal loluutti - Hoggantoota Izraa'il
****

Humni Izraa'il bidiruuwwan Filootillaa ugguruufi qondaalli Izraa'il aktivistota namoomaan shorork*eessitoota jechuun adduunyaa guutuutti dheekkamsa hamaa kaaseera. Adduunyaan gocha balaaleffachuun ammoo hoggantoonni Izraa'il walitti akka quba qaban gochuun gadi baaseera.
Dhuguma balaaleffannaa moo ''ani qulqulluudha, harka keessaa hin qabuu'' dha kan jedhu akkuma jirutti ta'ee.

* Muummen Ministeeraa Sheyixaaniyaahuun gochi kun "Duudhaa fi seera Izraa'il kan faallessuudha" jechuun Ben-Gvir balaaleffateera.

* Sheyixaaniyaahuun namootni doonii sana irratti qabaman hunda hatattamaan gara biyya isaaniitti akka gaggeeffamanis ajajeera.

* Ministeerri Haajaa Alaa Gideon Sa'ar ammoo, Ben-Gvir beekaa biyya miidhaa akka jiru ibsuun , irra deddeebiin dogongora raawwatuun Izraa'iliin gatii kaffalchiisaa jiraachuu isaa himatee, gochichi qaanessaadha jedhe.

* Gocha salphina kana osoo beektuu Mootummaa keenya irratti miidhaa geessifte - yeroo jalqabaatiif miti. Irra deddeebiteetta, Lakki ati Izraa'iliin bakka hin buutuus jedheera.

* Barreessaa fi xiinxalaan beekamaan Israa'el Ben Caspit ammoo, " Ben-Gvir fi Smotrich nageenya nuuf kennuu akka hin barbaannen hubadhe; akkasumas ajaja hidhaa idil-addunyaa nu warra 'Izrael' keessa jirru hundaaf qopheessuu barbaadu." jedhe.

Kaleessa dura Ministira nageenyaa Izraa’el Itaamaar Been-Gvir wayita aktiivistoota filootillaa biyyoota adduunyaa garaa garaa irraa uggura Izraa'el cabsuufi gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuuf gara Ga*💔zaa imalaa turanii humnoota Izraa’eliin hidhamanii salphisuuf jedhuu isa mudateedha.

Viidiyoon Ben-Gvir aktiivistootatti qoosu kun Roobii kaleessaa ganama fuula miidiyaa hawaasaa isaatti maxxanfame. Inni ni “akkasitti deeggartoota shorork**eessummaa simanna” yeroo jedhus dhaga'ama.

© FuadJemalpage

21/05/2026
🔥 Afrikaan Addunyaa kadhachuu hin barbaaddu! 🇧🇫💪Burkinaa Faasoo irraa ergaa boonsaa Addunyaaf darbe! ♦️ Goommaa jabaa (T...
19/05/2026

🔥 Afrikaan Addunyaa kadhachuu hin barbaaddu! 🇧🇫💪
Burkinaa Faasoo irraa ergaa boonsaa Addunyaaf darbe!
♦️ Goommaa jabaa (Taayraa) konkolaataan akka hin mucucaanne gargaaru, Guutummaa tti Afrikaa Keessatti kan Oomishame Isa Jalqabaati!
Burkinaa Faasoon meeshaa (brand) JEPEB jedhamu hundeessite. Kun kan alaa dhufe miti, alaas kan walitti qabame miti. Burkinaa Faasoo keessatti dizaayiniin isaa hojjetamee, qophaa'ee, abbummaan isaas kanuma biyyaati! Daandiilee Afrikaa rakkisaa ta'aniif addatti qophaa'e.
♦️ Gargaarsa investimentii alaatti hirkachuu dhiisanii of danda'uun tarkaanfii guddaadha. Oomishni kun biyyoota Afrikaa hedduu keessatti geejjiba keenya amansiisaa fii baasii salphaa godha.
♦️ Afrikaan waggaatti meeshaalee silaa ofii oomishachuu dandeessu waa hedduu alaa galchuuf doolaara biliyoona hedduu gubdi. oomishni naannoo keessatti hojjetamu hundi bilisummaa diinagdee keenyaaf tarkaanfii murteessaadha!"

Address

Harar

Telephone

+251915243763

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fuad Jemal page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Fuad Jemal page:

Share

Category