01/10/2026
Ammee: Humnoonni TPLF fi Eertiraa Abalaa Gadhiisan; Magaalaa Maqaleetti Sochiin Hawaasaa Qabbanaa'uun Dhaga'ame
Humnoonni TPLF fi Eertiraa magaalaa Abalaa gadhiisanii ba'uun isaanii dhaga'ameera. Haaluma kanaan, har'a sa'aatii 5:00 irraa eegalee Raayyaan Ittisa Biyyaa, Humna Affaar fi Humni Nageenyaa Tigraay iddoowwan Iribtii fi Abalaa guutummaatti to'annoo jala oolchaniiru.
Maddeen keenya akka eeranitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Humni Nageenyaa Tigraay to'annoo kana booda qindoominaan gara magaalaa guddoo naannichaa, Maqaleetti socho'uu eegalaniiru.
Gama biraatiin, sochiin hawaasaa magaalaa Maqalee keessaa baay'ee qabbanaa'ee akka jiru gabaafameera. Uummanni magaalattii "Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalattii seenaa jira" oduu jedhu hordofuun manneen ofii keessa akka jiran dhaga'ameera.
Odeeffannoo hatattamaaf karaa Teelegiraamaa nu hordofaa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA ABDII SABAA
creators instead