wabii koo

wabii koo β€οΈπŸ’šβ€οΈ

21/08/2025

Qabsoo Ummataa Oromoo Milkeessuu Yoo Dadhabdee Kiyyeesuuf Hin Dhama'iin Lama Duutaa!!

23/05/2025

Utubaa hamma dhiiban qabu
Utubaa hamma dhiisan qabu
Maaf dhiibdee duuta jallina
Haqa mi'eeffadhu abjuun ballina

Kan biroo hordofuuf
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
♻️Follow & πŸ”—SHARE

♦==MARAATUMMAA_ADUU_GADII==♦==========================β€’ Milkaa'uuf dhamaatii guddaa yoo sigaafateyyuu dhamaatiikee balle...
23/05/2025

♦==MARAATUMMAA_ADUU_GADII==♦
==========================
β€’ Milkaa'uuf dhamaatii guddaa yoo sigaafateyyuu dhamaatiikee balleessuuf yeroo muraasa qofa sitti fudhata.

β€’ Amalli gadheen yeroo nama jalqabu akka qoosaati. Keessaa ba'uun garuu gatii nama baasisa!

β€’ Hojiin dogoggaraakee har'aa sirrii fakkaatee yoo sitti mul'ate, bor garuu dogoggora ta'uunsaa siif gala.

β€’ Sanyii gaariitu deebi'ee sanyii ta'uuf keessaa fo'ama. Midhaan hundumtuu midhaan ta'eef sanyii ta'ee deebi'ee hinfaca'u. Faca'us hinmargu.

β€’ Yeroo ati qalbii dhabdu hiriyaa itti caalchisee qalbii sidhabsiisu osoo hintaanee, hiriyaa qalbii sitti deebisu michoonfadhu!

β€’ Jireenya keessaa jireenyi maraanmartoo jira. Maraanmartoon jireenyaa lafaan martoo ta'ee bakka jalqabaatti nama deebisa.

β€’ Namni hojii ati hojjettu hundumaatti harka walitti siif rukutu sikuffisuuf jiraa beeki, sababnisaa hanqinakee sidhookseera waan ta'eef.

β€’ Namni si'awwaale isa eergati lubbuun dabartee reeffa keetti biyyee deebise hinse'iin, inni sikafane malee si'awwaale miti. Namni si'awwaale garuu nama hanqinakeefi dogoggorakee sitti himuu dhiisetu jiraatti utuu ati lubbuun jirtuu si'awwaale!

β€’ Addunyaa haaraan atirratti waan haaraa hojjettu hinjiru. Wanti haaraan ati addunyaarratti hojjettu garuu sammuukee keessa jira.

β€’ Utuu lubbuun qabeenyaan nibitama ta'ee duuti kan hiyyeessaa qofa ture.

β€’ Biyyoo namni barbaadu kamuu bifa salphaan argata. Warqee argachuun garuu dhamaatii guddaa nama gaafata.

β€’ Ofiikee ofiikeen yoo sakattaate dogoggora baay'ee argatta. Ofiikee namaan yoo sakattaasiste dogoggorrikee hedduun similiqa.

β€’ Maraatuu fayyaa fakkaatuufi fayyaa maraatuu fakkaatuuf hin'oo'ani.

β€’ Namni hundumtuu fayyaa akka jiraatuuf dhalata, maraatummaa keessa garuu ofii isaa of-galcha.

β€’ Gatiikee sumatu qaalomsata malee namni siif qaalomsuu hindanda'u. Kan ati gatiikee gadi of-jalaa buuste eenyuyyuu qaalii siif hintaasisu
=========================
by wabi

Address

Ghion

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when wabii koo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category