05/10/2025
INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI’UUN
Sheikh Gunjaa Roobalee bifa suukaneessaan Ajje**efamuun addunyarraa deeme…
Sheikh Gunjaa Waggoota 7 dura wal beekna,anaa fi Ustaaz Kamaal Heebboo gaafa Nashiidaa waraabuuf gara adaamaa fi Finfinnee deemaa turre wal barre,Ustaaz Kamaaliin hedduu jaalata,Gaafa na argu hunda “ Si keessaa Ustaaz Kamaal Heebboo natti mul’ata “ jedhee boo’a!
Abbaa sagalee kiiloleeti,walaloo dhama qabdu ergaa jajjaba dabarsuun beekkama..
Sagantaalee hedduu irratti waliin hirmaataa turre,gaafa Tv Nuuralhudaa eebbisuuf oromiyaa keessa deemaa turres eddoo garii nu wajjiin hirmaatuun hawaasa kakaasuu fi bashannasiisuun beekkama.
Tokkummaa saba kanaa fi bilisummaa ummata kanaatiif akka waan maraatee yoo wal argitu daqiiqaa tokko osoo hin gahin walaloon ibidda garaa qabu tufa.
Har’a garuu biyyuma isiif iyyaa ture sanitti bifa fokkotaan Arsii walakkatti ajjee**fame.
RABBIIN warra JANNATAA Isa haa godhu.
Qiyaamaan hin dabarre namuu achuma deema!