13/03/2026
EXIT EXAM:100/100🤔
(Si'a lama kufee, si’a 3ffaatti exit exam 100% fide)
Ofii kiyyaafan check taasise; barataa Muhaammeenur Waariyoo, Yuunivarsiitii Madda Walaabuutti, Muummee Civil Engineering irraa bara lama walitti aansuun kan hin milkeefne yoo tahu, bara kana abdii osoo hin muratiin qoramuudhaan guutummatti cufuun 100% galmeessee, seenaa ajaayibaa galmeessee jira. Dhibba keessaa dhibba kan fide barataan kun, qabxii dhufee hin beekne guutummaatti 100% fiduu dandaheera.
Akkamitti? Maaliin? Kan jedhu ajandaa uumuu danda'us; mucaan cufuu dandaheera, asirraa wanti barattan yoo jiraate, bara tokkoo lama, sadii afur, inumaa waggoota hedduuf waa yaaltanii dhabuu dandeessu taha, jireenya keessattis tahee haalota danuu keessatti milkaa'uu haftan taha, guyyaa Waaqni jedhee fi yeroon keessan gahetti garuu, dachaa kuftan wanta kaataniif yoomiyyuu abdii kutachuurraa abdii murachuu qabdu!
Walumaa galatti, jireenyi har'aa boruuf faallaa tahuu mala; har'arra dhaabbattee boruu keef hin dhiphatiin! Abdiin hin kutatiin; ejjennoof cimina waa fageessitee yaaduu qabaannaan ni milkoofta guyyaa isaatti.
Abdii hin kutadhu; ammas borullee abdii qaba!