midiyaaleen kenyaa inijifaanoo qabatamummaa ibisa

midiyaaleen kenyaa inijifaanoo qabatamummaa ibisa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from midiyaaleen kenyaa inijifaanoo qabatamummaa ibisa, Grocers, Harargee Bahaa, Babile.

17/06/2026
21/05/2026
21/05/2026

Pirojektootni Mindaa Uummataa Waadaa Gochaan Dhugoomaa Jiruudha!
= = =

Fayyadamummaa hawaasa keenyaa mirkaneessuuf bu'uuraalee misoomaa babal'isuun ariitii, qulqullinaafi baay'inaan yeroo qabameef keessatti xumuruun murteessaadha. Kunis gaaffii uummatni qabu deebisuun dheebuu misoomaa uummatni keenya qabu hambisee itti quufinsaafi amantaa uummatni mootummaa irratti qabu daraan guddisuu keessatti shoora olaanaa qaba.

Sirnoota darban keessa hojiin pirojeektotaafi buuuraalee misoomaa babalisuun uummata fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa ture laafaafi hanqina hedduu kan qabaachaa tureefi gaaffii uummataa akka waan deebii argatee fakkeessuun tursiisuuf jecha dhagaan buuuraa sobaan kaaamaa tureera. Bakka baayeetti immoo pirojeektota qorannoo irratti hin hundoofne hojjechuufi hojiin pirojeektotaas harkifannaa guddaa keessa turan yoo ta'u, kanarraa kan kae gaaffiin pirojeektotaafi buuuraalee misoomaa adda addaa sadarkaa biyyaattis tae akka Oromiyaatti ka'aa tureera.

Mootummaanis akka biyyaatti jijjiirama siyaasaa bara 2010 argameen barii jijjiiramaa irraa eegalee rakkoowwan gama hojii pirojeektotaan jiran furuun ariitii, qulqullinaafi bayinaan akka hojjetaman taasisuuf hojiitti galee pirojeektotaa hojjetamaan dhagaa buuuraa kaauu irraa gara jalqabsiisuutti, madda baajetaa qopheessuun hojiitti akka galamu taasisuufi “wanta hin xumurre hin jalqabnu” dhaadhannoo jedhuun hojiitti galuun waadaa gochaan dhugoome raawwachuunis waggaa waggaan pirojeektonni kumaatamaan lakkaaaman hojjetamaa jiru.

Keessumaa jijjiiramaan asitti hojiin addaa gama pirojeektotaan jiru bartee baajeta mootummaa qofaan hojjetamaa ture keessaa bauun dhaabbilee deggertootaa, abbootii qabeenyaafi hirmaannaa hawaasaa cimsuun hojiitti galchuun pirojeektota hojjetamanitti humna horuun raawwii gaariin akka argamu kan taasifame yoo ta'u, Manneen barnootaa buuura boruu fakkeenya guddaa hirmaannaa hawaasaa ibsuudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas waggoota torban darban bifa addaan humnoota waloo qindeessuun pirojektoota baay’ina, qulqullinaafi ariitiin ijaarsisuun tajaajila uummataaf oolchaa jira. Pirojeektonnis miindaa uummataa galii uummata irraa argameen kan hojjetamu tauu isaa waan amanuuf deeggarsaafi hordoffii walirraa hin citne taasisuun raawwii isaa hordofaa deema.

Bara kanas ijaarsa pirojektootaaf xiyyeeffannoon addaa kennamee waadaan uummataaf galame gochaan dhugoomsuu irratti argama. Pirojeektonni hedduunis eebbifamuun tajaajilaaf banaa taaa jiru.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------.

Address

Harargee Bahaa
Babile
0913457604

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when midiyaaleen kenyaa inijifaanoo qabatamummaa ibisa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category