26/04/2026
Aanaa Cirootti Mariin Raayyaa miidiyaa hawaasaa waliin mariin haala itti fayyadama Miidiyaa irratti gaggeeffame.
****
Ebla 18/2018 - Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti mariin Raayyaa miidiyaa hawaasaa waliin haala itti fayyadama Miidiyaa irratti gaggeeffamee jira.
Marii kanarratti Itti Gaafatamaan Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Ciroo Obboo Abrahiim Sulee / Fira'ol Yusuf / fi Itti Gaafatamaan Damee Sabqunnamtii fi Yaada Ummaataa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Ciroo Obboo Jemal Abrahim argamuun akka jedhaniitti, Miidiyaa dijitaalaa sirnaan ijaaruun sochiilee misoomaa, Nageenyaa fi siyaas-dinagdee biyyaa sirnaan lafa qabsiisuuf gahee ol'aanaa qaba. Addunyaa dhugaan boodaa dhiibbaan odeeffannoo itti heddummaate milkiin cehuuf hojii miidiyaa fi kominikeshinii bu'a qabeessa dhugoomsuun murteessaa ta'u kaasanii jiru.
Kana males, hojii miidiyaa fi kominikeeshinii itti fufiinsa qabuun milkaa'inoota keenya beeksisuu, obbolummaa sab-daneessa lafa qabsiisuu fi ummata keenya injifannoo caalmaatiif qopheessuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Akkasumaas Miidiyaan ijaarsa biyyaa keessattiis gahee ol'aanaa akka qabuufi Hojii Filannoo Biyyoolessaa marsaa 7ffaa bara kana akka biyyaa fi Naannoo keenyatti gaggeeffamuu karaa Dimookiratawaa, Haqa qabeessaa fi Amanamaa ta'een akka gagggeeffamuufis ciminaan irratti hojjatamuu akka qabu kallattiin kennamee jira.
Chiro Woreda Prosperity