04/05/2024
Godina Salaalee Aanaa Dharraatti humnoonni finxaaleyyii caasaa isaanii diriirfachuun weerara daangaa babal'ifannaa taasisaa jiru jedhame.
Ogeeyyii fayyaa namaafi beeyladootaa, hojjettoota humna ibsaa naannoo Amaaraa irraa fiduun ramaddii kennaniif jiru jedhame.
Gandoota addaa addaa keessattis waraqaa eenyummaa “semen shawa Darra Amara” jedhu hojjechuun kennaa jiraachuutu himame.
Ganda Tuutii keessaa gabaa Wiixataa dabalatee gandoota 7 jiran keessatti caasaa isaanii jabeessanii ijaarrataa jiru jedhan.
Naannoo Amaaraa irraa namoota fiduun qubachiisaafi ijaaranii hidhachiisaa jiraachuu maddeen keessa beekan irra deddeebiin OMN tti himaa turan jiru.
Kaayyoon humnoota finxaaleyyii kanaa Aanaa Dharraa naannoo Amaaraa jala galchuu dha jedhame.
Ogeeyyii fayyaa namaa, beeyladaa, hojjettoota humna ibsaa naannoo Amaaraa irraa fiduun ramaddii kennaniifii hojjechiisaa jiraachuus maddeen itti dhiyeenyaan beekan himu.
Zoonii Tuutii gandoota baadiyyaa torba ta’aniifi gooxii Haanquu ganda Birjee keessatti ijaarsa jabaa taasisaa jiraachuu maddeen OMN himaniiru.
Gandoonni naannichaa hedduun humnoota finxaaleyyii kana jala jiraachuu kan himan maddeen OMN, waraqaa eenyummaa “semen shawa Darra Amara” jedhu gandoota 7'f kennanii jiraachuu himan.
Aanga’oonni mootummaa Aanichaa ijaarsa finxaaleyyii kana akka beekaniifi humnoonni kun deggersa isaaniin wal ijaaraa jiraachuu maddeen himaniiru.
Oromoota qe’ee isaanii humnoota finxaaleyyii kana irraa tikfachaa turan immoo qabata miseensota WBO jedhuufi deggertu jedhuun qabanii hidhaafi ajjeesaa jiraachuu maddeen himan jiru.
Dhimma kana irratti yaadaafi deebii itti gaafatamaa bulchiinsaafi nageenyaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Solomoon Abbabaa dhaga’uuf irra deddeebinee bilbillaan bilbila nurraa hin kaasan.
Aangawoota aanichaa dubbisuuf OMN irra deddeebiin yaale. Ammaaf itti hin milkoofne.