19/11/2025
Oduu Ammee!
Addi Bilisummaa Oromoo karaa Hayyuu duree dhaabichaa, Jaal Daawud Ibsaa akkasumas Kongireesiin Federaalawaa Oromoo karaa Hoogganaa paartichaa, Dr Mararaa Guddinaa haala nageenyaa Oromiyaa irratti Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa waliin marii'achuuf xalayaadhaan beellama gaafatanii jiran. Marii fi Marabbaan uummata Oromoo gidduutti akka deemu uummatni Oromoo bal'aan hawwaa kan jiru yoo tahu,yeroo kanatti dhaabotnii fi hooggantootni dhaabichaa kana murteessuun marii taasisuuf gaafachuun isaanii guddaa nama gammachiisa. Yeroo kanatti tokkummaan Oromoo lalisee, dagaagee humna Oromoo gargar facaasu facaasuudha qaba. Maanguddootni, haadholiin siinqee fi abbootiin Gadaa gargaartummaa yaadaa rakkoo fidde akka aadaanis xumuruudhaan daranuu dhaabotni Oromoo wal tumsuun dantaa Oromoo fi Oromiyaa akka tiksan waamicha taasisna.
Obbo Shimallis Abdiisaa karaa qajeeltoo hooggantootni kunneen eegalan ofitti fudhachuun tokkummaa uummata Oromoo tarkaanfii tokko akka tarkaanfachiisan, duulli nageenya Oromiyaa keessaa eegalame wal tumsa hundaan akka galma gahuuf qaamotni hawwan akka tumsanis waamicha taasisna.
Nagaa Lammiilee Oromiyaaf!
Emaltu Oromia News EON
Abiy Ahmed Ali
Demeke Negassa Kube
Oromia Police Commission
National Election Board of Ethiopia NEBE แจแขแตแฎแตแซ แฅแแซแ แแญแซ แฆแญแต
Sagalee Bilisummaa Oromoo
Gamtaa Qeerroo Dargaggoota Oromoo/The Oromo Youth Aka Qeerroo Union
Shimelis Abdisa