12/04/2026
Baga Ayaanaa Du'aa ka'uu Gooftaa Fi Fiyisaa kenyaa iyaasus kiristoosin isiin Gahee Ayaanaa Gaarii
Guyyaa jalqaba torbaniitti, gaafa Sanbata guddaa obboroo, dubartoonni sun urgooftuu dibataa isa qopheessanii turan, fudhatanii gara awwaalichaa dhaqan. Dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turanis, garagalfamee argatan. Awwaalicha keessa yommuu lixan garuu, reeffa gooftaa Yesus hin arganne. Waa'ee kanaa waan jedhan wallaalanii utuu jiranii, kunoo, dingata namoonni lama wayyaa caccalaqqisaa uffatanii isaan bukkee dhaabatan. Dubartoonni baay'ee sodaatanii lafa ilaalan; namoonni sun immoo, “Isa jiraataa maaliif warra du'an keessa barbaaddu? Innoo as hin jiru, ka'eera; Galiilaa utuu jiruu waan inni isinitti himee ture yaadadhaa! ‘Ilmi namaa harka warra cubbamootaatti kennamuuf, fannifamuuf, guyyaa sadaffaattis du'aa ka'uuf jira’ jedhe” ittiin jedhan. Yommus isaan dubbii isaa yaadatan.
Iddoo awwaalichaatii yeroo deebi'an immoo, kana hundumaa ergamoota kudha tokkonuutti, warra kaan hundumaattis odeessan. Warri kana walii wajjin ergamootatti odeessan immoo, Maariyaam ishee Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota kan biraas turan. Garuu dubbiin kun kan hundee hin qabne isaanitti fakkaate, kanaafis dubbii isaanii hin amanne. Haa ta'u iyyuu malee, Phexros ka'ee gara iddoo awwaalichaatti fiigee, gad jedhees awwaalicha keessatti kafana isaa duwwaa arge; kana booddee immoo wanta ta'e kana dinqifachaa gara manaatti deebi'e.
Ayaanaa Gaarii