Ilma Abbaa Gadaa

  • Home
  • Ilma Abbaa Gadaa

Ilma Abbaa Gadaa Oromummaan miidhagummaa oromumman bilisummaan.beekaa ta'i.

09/11/2025

📖🏫 "Barnoota ammayyaa yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti kan jalqabsiise Minilik osoo hin taane Daani'eel Dabalaati."

Minilik waggaa 10 dursee barnoota ammayyaa Itoophiyaatti yeroo duraaf kan eegale nama garbummaatti gurguramee ture Daani'eel Dabalaa akka ta'e himu namni seenicha qoratan.

Daani'eel Dabalaa Onesmoos Nasiib dursee Itoophiyaa seenuun akkamiin barnoota ammayyaa barsiisuu eegale?

Guutuusaaf 👉🏿👉🏿 https://bbc.in/3LtMVzs

09/11/2025

Biyyi ololaan miti, hojiin ijaaramti!👏
= = = = = = =
Biyya jabduu ijaaruun ololaan osoo hin taane hojii jabaa yeroo waliin deemu hojjechuudhan ijaaramti. Jijjiiramaan booda biyyi keenya seektara qonnaan fooyyeessuun hojiilee hedduu hojjatte jirti! Kan dur waggaatti rooba gannaa qofa eeguun oomishamu amma ganna rooba qonnaan bona ammoo jallisiin waggaatti yeroo lama oomishuun danda'ame jira.

Abbichuun laga misooma jallisiif oolu laga erga eebbisiiseen booda guyyaa kaleessas naannoo Amaaraatti misooma jallisiif kan oolu akkasumas heektara hedduu uwwisuuf kan ta'e hidha misooma jallisiif oolu sadarkaa akkami irra akka gahe daawwate jira.

Kana booda lageen keenya bilaasha malee akkasumaan biyyoo biyya keenyaa fudhatani hin darban misooma biyyaaf tajaajila kennaa kan itti fufan fi guddina biyya keenyaaf kan bu'aa buusan ta'a. Biyyi keenya gaggeessummaa Abbichuun wabii midhaan nyaataan of danda'uutti jirti.

Walumaa galatti Itoophiyaan seenaa eegatummaa jalaa baate gara oomishtummatti seente jirti. Misooma jallisii gurguddaa amma hojjatama jiran irraa kan hubannus gara fuulduraatti biyyi keenya qonna ammayyaa fi teknoloojiin deeggarame adeemsisuuf kutannoo akka qabdu kan agarsiisuudha.

09/11/2025
09/11/2025

Waxabajjii 2022
“Abbaan Caaltuu geeraree Abbaan Caalaa’ dhiisaaree!” jedhu hiriyaa isaanii irraa geerarsa dabaree eeganii harkaa fuudhuun. Kan akkanatti geerarsa lommoxu ilma Lataa Waaqayyoo, 'gooticha warra Sayyooti'.

Hiriyyootaafi jaalleewwan qabsoo isaati, akkas malee 'Ilma Lataa Waaqayyoo, 'gooticha warra Sayyoo' jedhanii geeraraa kana jalaa kan qaban ture.

Waggaa 43 dura gammoojjii Sudaan keessa taa’anii geeraru ture Abbaa Caalaa Lataaf qabsaa'onni kaan.

Abbaa Caalaa Lataa maqaan isaa ganamaa abbaan baasaniif Abrahaam Lataa ture.

Ofii Abbaa Caalaa Lataa akkamitti maqaa kana argatan?

Dubbiin akkana! Bara 1979 tti hiriyoota isaanii wajjin qabsoo hidhannoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hundeessuuf Sudaan keessa osoo jiranii hiriyaan isaanii Abbaa Caaltuu jedhamu gaaf tokko ni geerara ture.

Abbaan Caalaas sagalee qaratanii itti taa’an, “Abbaan Caaltuu geeraree Abbaan Caalaa dhiisaaree?” jechuun Abbaa Caaltuu harkaa fuudhan. Tarii gaafa sana Obbo Abbaa Caalaa akkana jedhanii itti fufuun waan geeraran fakkaata:

Harmee koo yaa soorettii

09/11/2025

"Daa'imni Dhalatu Dhalaa/Dhiira Ta'uu Kan Murteessu, Abbaadha Moo Haadha?"
***********************************************
Saalli daa'ima dhalatu tokkoo dhiiraa fi dhalaa ta’uun hojii Rabbii ta’uus, saayinsiin akka ibsutti saala daa’imaa kan murteessu chromosome abbaa irraa dhufuudha. Chromosome dhiiraa XY yoo ta’u, kan dubartii immoo XX dha. Dhiirti chromosome Y ykn X kennuu danda’a, dubartiin garuu yeroo hundaa chromosome X qofa arjoomti. Kanaaf, saala daa’imaa murteessuu irratti gaheen guddaan sanyii dhiiraa irraa dhufa. Yoo dhiirti chromosome Y kenne, daa’imni dhiira ta’a; yoo X kennu immoo dhalaa taati. Akkuma beekamu, dhiirti yeroo wal qunnamtii takkatti sanyii kormaa miiliyoona shanii ol dhangalaasu. Sanyiiwwan kanneen keessaa tokko qofaatu carraa hanqaaquu cabsuu aragata. Sanyii dhiiraa keessatti chromosome lachuu X fi Y ni argamu. Chromosome Y saffisaan fiiga, garuu yoo hanqaaquu hin arganne dafee du’a. Chromosome X immoo suuta fiiga, garuu hanga guyyaa sadiillee obsaan hanqaaquu eeggachuu danda’a. Yoo wal qunnamtiin osoo hanqaaquun gadi hin lakkifamin raawwatame, chromosome Y dafee waan du’uuf, chromosome X carraa eeggachuu qaba. Yoo hanqaaquun gadi lakkifamtee fi wal qunnamtiin hanga guyyaa lama keessatti raawwatame, chromosome Y saffisaan dursuun dhiira dhalachuu ni danda’a. Haata’u malee, sanyiin dhiiraa saala daa’imaa murteessuu danda’ullee, chromosome X fi Y keessaa kamtu akka irra oolu carraadha. Yoo chromosome Y carraa irra ooluu akka qabaatu barbaadame, tibba hanqaaquun gadi lakkifamuutti dhiyaatanii torbee tokkoof walitti aansuun wal qunnamtii saalaa raawwachuun barbaachisadha.
***********************************************
Kanaaf namoonni haati warraa tiyya dhalaa malee ykn dhiira malee dahuu hin dandeessu jechuun dogoggoraan bultii diigaa jirtan dogogoraan badii ishii malee haadha warraa teessan maqaa balleessurraa of qusadhaa! Dogoggoraan bultii teessan diigurraa of qusadhaan dhaamsa kiyya. Barreeffama kana erga dubbiftan booda share yoo gootan nama hedduu bira gahuuf hubannaa dogoggoraa kana hamma tokko hir'isuuf ni gargaara je'eetin yaada. Share godhaa!
Galatoomaa! Fayyaa dayaa!
©️ Dr. Hamza Jemal

05/09/2025

Ashaaraa dhaloota Har'aa;
Galaa dhaloota egeree!
= = = = = = =
Ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa keessaan ga'umsa hooggansa muummee keenyaa, cichoomina uummattoota biyya keenyaatu ifee mul'ata. Dhaloonni biyya keenyaa har'a jiru seenaa Abboonni Kalee adda waraana Adawaa irratti dalagan, dirree misoomaa irratti irra deebi'e. Dhaloonni haaraa kuni dhiiga isaa cobsee, dafqa isaa xuruurfatee, humnaaf beekumsa isaa walitti coruun waan abjuu fakkaatu, hidha Laga mormor dhugeesse.

Qabsoo obsa fixachiisaa kanaanis ashaaraa guddaa, dhaloota itti aanuuf galaa ta'u ol kaa'uun danda'ameera!

18/03/2025

Hattuun biyyaa gamte kun bozonummaadha.

Address

Shaggar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ilma Abbaa Gadaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Grocery Store?

Share