Humna Wangeela

Humna Wangeela Jesus is my Everything 💓 Dhalootni koo karoora waaqayyootiin, Jiraachuun koo waaqayyoof. Wangeelli waamicha kooti!

03/06/2026
Greetings Friend,Rejoice with us as we are celebrating a victorious basketball season at Cambridge Academy Ethiopia. Com...
01/06/2026

Greetings Friend,

Rejoice with us as we are celebrating a victorious basketball season at Cambridge Academy Ethiopia. Competing with premier international schools throughout the City we have won number one status and championship status. Cambridge Tigers dominated the league in both U16 and U19 categories. This was a year of many championships won by the School both in Sport and academics. Many thanks to the Almighty God. I also extend my heartfelt gratitude to all of our hard-working coaches, teachers in school leaders. 

As we are getting closer to the finishing of the year, please continue continue to keep us in your prayers.

Go Cambridge Tigers!!!

01/06/2026

Gospel Singer Bilise

‎ !‎“Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin hin ...
01/06/2026

‎ !
‎“Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin hin lixin!”
‎ Efe. 4:26
‎Akka qorannoon ‘Harvard’ fi ‘Duke University’ argisiisutti paarsantiin 8.9 (8.9%) uummata Ameriikaa aariin isaanii gara qawwee fudhachuutti isaan geessa jedha. Aariin waan jiruudha! Namni faayya buleessi tokko yeroo waan sirrii hin taane tokko argu ni aara jedhu ogeessonni fayyaa. Garuu aarii to’achuu dadhabuun rakkoo gurguuddaa keessa nama buusa jedhu. Dubbiin Waaqayyos hin aarinaa hin jedhu, garuu aariin keessan gara cubbuutti akka isin hin geessine jedha malee. Aariin cubbuu utuu hin taane karaa irra adeemanii gara cubbuu dhaqanii dha. Yeroo karaa kan biraa ilaallu immoo karaan gara cubbuutti nama geessu immoo cubbuu ta’uun isaa hin oolu. Yesuus karaa jireenya bara baraatti geessu duuwwaa utuu hin taane ofii isaatiyyuu jireenya.

‎Kanaaf Phaawulos yoo aartan iyyuu aarii keessa hin turinaa jedha. Keessa turraan gara cubbuutti nu geessa. Waa’ee jireenya haaraa dubbachaa waan jirruuf namni jireenya haaraatti hojjetamaa jiru tokko tarii wanti isa aarsu isa qunnamuu danda’a ta’a, garuu akka keessa hin turre jedha. Aaruu dhiisuu hin dandeenyu yoo ta’e keessa turuu dhiisuu garuu ni dandeenya. Aarii keessanitti aduun akka hin liixne yeroo jedhu yoo baay’ate waan nu aarsu hundumaa saa'atii 12 gidduutti hiikuu qabna jechuudha. Nama sana wajjin wal arginee hikuudhaaf yoo yeroo hin argannu taane ofii keenyaa dafnee waa’ee waan nu aarse sanaa ilaalcha siirrii qabachuun barbachisaa dha. Karaa biraa yoo ilaalle gara gaarummaatti jijjiirree ilaaluu dandeenya. Yoo nama nu aarse irraa gaarummaa hin arginu ta’e Waaqayyo isa waan garii keessaa baasu danda’u amanuudhaan dafnee aarii keenya keessa ba’u qabna.

‎Yeroo nuyii aarii keessaa turru Seexanni karaa argata. Aariin karaa Seexanaati jechuu dha! Yeroo sana Seexana gadi dhowwuu hin dandeenyu. Sababiin isaa karaan sun kan isaati waan ta’eef. Seexanni immo karaa argannaan guutummaa jireenya kee dhunfateetu akka barbaadeetti, yeroo barbaadetti, iddoo barbaadetti waan barbaade si hojjechifachuu danda’a. Erga inni si dhuunfatee booddee iddoo ati dhaabuu dandeessu irra darba. Rakkinni Qaa’eel kana ture. Saadarkaa aarii irratti dhaabuu danda’a ture. Garuu fedha isaatiin obboleessa isaatti aaruu keessa bubbule. Seexannis karaa waan argateef akka inni obboleessa isaa ajjeesu isa godhe. Waaqayyo iyyuu itti dubbatee garuu lafa dhiisuu hin dandeenye irra waan ga’eef nama ajjeesuuf isa jalqabaa ta’e. Erga ajjeese boodde baay’ee boo’e; garuu maal godha?
‎👉Namoonni tokko tokko aarii keessa nama ofii ajeessee balaa daangaa hinqamne keessa of buusa jiru.

‎Firoota koo aarii keessanitti aduun hin dhi’iin yeroo dubbiin Waaqayyo jedhu baay’ee waan salphaa nutti fakkaata, garuu yeroo Waaqayyo jedhe sana irra darbee jennaan waan keessaa ba’uu hin dandeenye keessa akka galtu beekkaadhu. Ani garaan koo gadheedha, dhiisuu hin danda’u kan jettu of hin gowwomsin; garaa gadhee wanti jedhamu hin jiru. Nama biraa miidha jirta utuu hin taane mataa kee balleesa jirta.

‎ Eebbifamaa!

‎ ?"Jacob old camel knees"‎ykn " "‎Waldaan Ortoodoksii Ethiopia akka Maariyaam Ijoollee  qabdu yoo ganteyyu, Yaaqoob inn...
01/06/2026

‎ ?"Jacob old camel knees"
‎ykn " "
‎Waldaan Ortoodoksii Ethiopia akka Maariyaam Ijoollee qabdu yoo ganteyyu, Yaaqoob inni Kakuu Haaraa keessatti "Ergaa Yaaqoob" barreesse Ilma Maariyaam Obboleessa Gooftaa Yesuus akka ta'e Macaafni Qulqulluun bakka garaa garaatti eeruu nuuf kenna.

‎Fakkeenyaaf akkaataa Maatiyoos nuuf barreesseetti, “Kun ilma isa muka sooftichaa mitii? Haati isaas Maariyaam jedhamtee waamamti mitii ree? Yaaqoobii fi Yoseef........obbolaa isaa ti mitii?” jedhanii wal gaaffachaa turani. (Mat. 13:55). Namoonni kun Yesuus Ilma muka Sooftichaa ta'uu isaa fi Ilma Maariyaam ta'uu Isaa dhugaa dubbatan taanaan, Yaaqoob obboleessa Yesuus Ilma Maariyaamidha jechuun isaaniis dhugaa dha jechuudha.

‎Yaaqoob kun Seenaa Wangeelaa keessatti " " jedhamee beekama. ?. Yaaqoob Manuma Yesuus dhalate keessatti yoo dhalate illee, Yesuus Ilma Waaqayyoo ta'uu isaa namoota shakkan keessaa innuu tokko ture. Wangeelli “Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne.” jedha (Yoh. 7:5).

‎Kanaafuu, Yaaqoob warra du'an keessaa ka'uu Yesuus booddee warra Yesuusitti amananitti ramadama. Kanaafuu, Erga Gooftaan Yesuus isaaf ifee booddee immoo halkanii guyyaa jilbaan daa'imee kadhachuu irraa kan ka'e jilbi isaa dhagaa wajjiin akka wal fakkaate seenaan hima. Kanaafuu namoonni "Yaaqoob nama jilba Gaala dulloomaa" jedhaniiru.

‎Yaaqoob ergaa isaa keessatti jecha "kadhannaa, kadhannaa, kadhannaa " jedhu irra deddeebi'ee barreessuun isaa, jireenyi isaa sa'aatii 24 kadhannaa akka ta'e namaaf gala. Nuyi hoo milikkinni kadhannaa jilba keenya irra jiraa?

‎“Isin keessaa namni rakkinni itti dhufe jiraa? Inni haa kadhatu! Namni gammadu immoo jiraa? Inni immoo faarfannaadhaan galata haa dhi'eessu.” Yaq. 5:13

‎Phaawuloos illee yeroo baayyee jilbeenfatee akka Waaqayyoon kadhatu nuuf barreesseera. “Egaa waa'ee kanaaf jilbeenfadhee abbaa nan kadhadha.” (Efe. 3:14).

Siin Eebbisaa Ameen jedhe Fudhadhu! Utuu ati hin yaadiin Eebbi karaa atin beekneen harka si haa galuu, fuula kee duratti...
31/05/2026

Siin Eebbisaa Ameen jedhe Fudhadhu!
Utuu ati hin yaadiin Eebbi karaa atin beekneen harka si haa galuu, fuula kee duratti balbaloonni banamani si haa eegani!

Guddina ariifata guddadhi.

Address

Finfinnee
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Humna Wangeela posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share