06/02/2024
Jilli Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaan durfamu kutaa Magaalaa Sabbataatti argamuun Inisheetivoota Qonna Magaalaa daawwatan.
Shaggar kom,Onkoloolessa 29,2016-Jilli Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantii Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa durfamuu guyyaa har'aa Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sabbata Aanaalee Meettaa,Aanaa caffee fi Aanaa Mogleetti argamuun Kilaastara xaafii,kompoostii inisheetivoota qonna magaalaa horsiisaa lukkuu,Horsiisaa loonii aannanii,Furdisaa loonii,horsiisaa booyyee daawwachaa jiru.