16/12/2024
Hirkattummaa Irraa Gara Oomishtummaatti!
-------
Biyya seenaa gootummaa baroota dheeraa qabdu, aggaammiiwwan diinaa gurguddaa waloodhaan qolattee birmadummaa ishee kabachiifachuun har’a qaqqabde biyya seena qabeettii waliin qabna.
Calaqqee hedduumminaa ta’uudhaan lammiilee afaan, aadaa, eenyummaa fi amantaalee garaa garaatiin faayamanii tokkummaan waliin jiraataniif gaaddisa kan taate biyyi keenya Itoophiyaan qabeenya uumamaa fi nam tolchee misoomaa fi guddinaaf bu’uura ta’an hedduudhaan kan badhaatedha.
Biyyee gabbataa misoomaaf tolu, bishaan bonaa fi ganna yaa’u, akkasumas qilleensa mijataa waan hundumaaf tolu dabalatee humna namaa hojjatee jijjiirama dhugoomsu danda’u hedduu qabaattus, birmadummaa gootummaa ilmaan isheetiin argatte misoomaan dabaaluu hanqattee barootaaf hirkattummaab jiraatteetti.
Qaanii hiyyummaa irraa gara qananii jireenyaatti cehuun kan danda’amu humnaa fi qabeeya jiru qixaan qindeessuudhaan misoomaaf oolchuu darbees, carraalee jiranitti gargaaramuudhaan oomishtummaatti cehuun yoo danda’amedha.
Boqonnaa hirkattummaa fi kadhaa cufuudhaan birmadummaa guutuu goonfachuudhaaf jalqabiiwwan gaaarii gama misoomaatiin eegalaman cimsuu fi galmoota badhaadhina maatii dhugoomsuuf qabaman fiixaan baasuuf xiiqiin hojjachuun murteessaadha.
Dhalootni har’aa seenaa hiyyummaa badhaadhinaan bakka buusee biyya cimstuu fi kabajamtuu dhalootatti ceesisuuf amaanaa dachaa akka of harkaa qabu hubatee, hojiilee misoomaa hunda ariitii, baay’inaa fi qulqullinaan raawwachuutu irraa eegama.
Tokkummaafi hirmaannaa hunda-galeessa ta’een oomishtummaa guddisuuf haa hojjannu, birmadummaa guutuu ta’e goonfachuuf gahee keenya haa bahannu.