Urjii shaggar

Urjii shaggar Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Urjii shaggar, Grocers, Oromia, Addis Ababa.

12/01/2025
Damee Qonnaatiin Inisheetiiviiwwan Haaraan Hojirra Oolaa Jiran Fayyadamummaa Qonnaan Bulaa Mirkaneessaa Jiru ----Yaadamn...
18/05/2024

Damee Qonnaatiin Inisheetiiviiwwan Haaraan Hojirra Oolaa Jiran Fayyadamummaa Qonnaan Bulaa Mirkaneessaa Jiru
----
Yaadamni haaran misooma damee qonnaa guddisuu irratti xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjetamaa jiru dinagdee qonnaan bultootaa cimsuu badhaadhina maatii mirkaneessaa jira.
Naannoo Oromiyaatti karoora xiiqii qopheessuun hojii hojjetamaa jiruun waggoottan arfan darbanitti jijjiiramni toora hundaan mul’achaa jira. Kanneen keessaa bu’aan damee Qonnaatiin argamaa jiru isa tokkodha.

Hojii gama kanaan hojjetamaa jiruun waktiileen hunduu yeroo misoomaati yaadama jedhuun baadiyyaafi Magaalaatti Bonaafi Gannaa osoo adda hin baasiin itti fufiinsaan hojiin misoomaa hojjetamaa jira. Keessumattuu, Godinaalee kanaan dura horsiisa qofaaratti xiyyeeffachuun bara goginsi hammaatu hongeef saaxilamaa turan yeroo ammaa pirojektii Finnaatti gargaaramuun midhaan nyaataa, kuduraafi muduraa gosa gara garaa oomishuun fayyadamaa ta’aa jiru.

Godinaalee rakkoo hongeetiin miidhaman keessaa tokko Godina Booranaati. Haata’u malee, rakkoo mudate carraatti jijjiiruun uummanni oomisha midhaaniifi oomishaalee akka kuduraafi muduraa misoomsuun fayyadamaa akka ta'u ta’eera. Kanaanis bu’aa abdachiisaan godinichatti mul’achaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo sababa hongeen mudatu bu’uurarraa furuuf Inisheetiivii Pirojektii Finnaa lakkoofsaan 73 ol ta’an qarshii biiliyoona 30 oliin hojjechiisaa jiruun jiruuf jireenya uummata bu'uurarraa fooyyessuu galma kaawwachuunidha.

Godina Booranaatti Pirojektii Finnaa bishaan kuufatanii jiraniin uummanni tajaajila bishaan dhugaatii, qonna jallisiifi faaydaalee birootiif oolfachuun iiti fayyadamaa jira. Kanaanis hawaasni pirojektoota kanneenitti fayyadamuun yeroo ammaa oomisha qonnaa irraa bu’aa olaanaa argachuu eegalee jira.

Godina Booranaatti hojii qonna Gannaafi Boneetiin midhaan duraan gammojjii Booranaatti facaasuun hin baratamiin kanneen akka qamadii, maashoo, kuduraa fi muduraa oomishuun qonnaan bultoonni Godinichaa fayyadamaa ta'uu

Qaqqabamummaafi Qulqullina Barnootaa Milkaa'ina Imala Badhaadhinaatiif!Mootummaan gama hawaasummaatiin fayyadamummaa uum...
18/05/2024

Qaqqabamummaafi Qulqullina Barnootaa Milkaa'ina Imala Badhaadhinaatiif!

Mootummaan gama hawaasummaatiin fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjataa jira. Hojiilee kanneen keessaa ammoo dhimmi barnootaa isa ijoodha.

Qaqqabummaa fi haqa qabeessummaa akkasumas qulqullina barnootaa mirkaneessuun lammii beekumsaan gahoome oomishuuf sochiin bu’a qabeessi taasifamaa jira.

Keessumattuu manneen barnootaa bu’uura boruu sadarkaa isaanii eeggatan hirmaannaa uummataatiin akka ijaaraman taasifamuu isaanitiin daa'imman carraa barnootaa itti dhiyeenyaan akka argatan godhamaa jira.

Egeree barattootaa bu'uura jabaarra dhaabuuf yaadamee inisheetivii mootummaan Naannoo Oromiyaa diriirseen manneen barnootaa bu'uura boruu hirmaannaa uummataatiin ijaaramuun tajaajila kennaa jiraachuun daa'imman fayyadamoo ta'aa jiru.

Magaalaa Bishooftuuttis bara kana Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu baay'ee hirmaannaa hawaasaan Ijaaruun tajaajilaaf banaa ta'ee jira.

25/02/2024
25/02/2024

Address

Oromia
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Urjii shaggar posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category