20/09/2025
Baandaa Horsiisee Bulaaf Kabaja Hin Qabne!
Horsiisee bulaan Oromoo barootaaf dagatamee, copha bishaanii tokko dhabee dararamaa tureera. Baandaan garaa ofii male miidhama ummataatiif dhimma hin qabne pirojektii rakkoo hawaasaa furuun "Kuurii xiqqoo" jettee xinneessuu hawwiti.
Pirojektiin finnaa, hawaasa horsiisee bulaatiif misooma bu'uuraa murteessa male kuurii xiqqoo miti. Misooma uummataatiin siyaasa dalaguun kabaja uummataa dhabuudha.