29/01/2026
BEEKSISA DHORKAA
Jiraattota Kutaa Magaalaa Buraayyuu hundaaf!!
========
Dhorkaa itti Fayyadama Feestala (Pilaastika) ilaalchisee labsii Federaala lakkoofsa 1383/2017 faalama naannoo fi Midhaa fayyaa dhala namaa ittisuuf bahe gidduu galeessaa godhachuun Abbaan Taayita Eegumsaa Naannoo Kutaa Magaalaa Buraayyuu 23/2018 irraa eegalee Feestala omishuu,rabsuu,kusuu,alaa galchuu fi itti fayyadamuun kan dhorkamee ta'u isaafi kan seera cabsee argamee immoo akkataa labsii armaan olitiin kan adabamuu ta'u isin beeksifna
Amajjii 21/2018: Abbaa Taayita Eegumsaa Naannoo Kutaa Magaalaa Buraayyuu Beeksisa Dhorkaa ta'an baasee jira.