YEROO AMMAA

YEROO AMMAA Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from YEROO AMMAA, Grocers, ShAGGAR, Addis Ababa.

28/03/2024
28/03/2024

Ibsa Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa Irraa kenname!

Waadaa Gochatti Jijjiiruun Fayyadamummaa Uummata Keenyaa Mirkaneessuu Eegalle Daran Cimsuun Badhaadhina Itoophiyaa Ni Mirkaneessina!

Paartiin Badhaadhinaa biyya kuufama idaa buleefi cabiinsa dinagdeetiin dararamte akkasumas, rakkoo hawaasummaafi siyaasaatiin diigamuuf fiixee irra geesse kufaatii irraa baraaree biyya lammilee isheef taatuufi badhaadhinni keessatti mirkanaa’e uumuuf duula filannoo marsaa 6ffaatiin saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaaf waadaa seene. Qiyyaasaan daandii badhaadhinaa looreetiin nagaa Addunyaa, muummeen ministera Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad falaasama Ida’amuu Itoophiyaaf gumaachuun qormaatota biyyattii mudatanii turaniif fala milkaa’inootaafi riqicha ce’umsaa ijaaruun boqonnaan haaraan saaqame. Boqonnichis Itoophiyaanotaafi michoota isheetti abdii kan h**e yoo ta’u, diinota diigamuu Itoophiyaa eegaa turan hundatti ammoo naasuu haguuge.

Karoorri Imala Badhaadhinaas qophaa’ee waadaawwan manifeestoo Paartii Badhaadhinaatiin seenaman gochaan dhugoomsuun eegalame. Paartii jabaafi mootummaa cimaa ijaaruu, sirna federaalizimii sabdaneessa obbolummaa irratti bu’uureessuu, dinagdee damdaneessa caasessuufi tarkaanfilee haaraa maddisiisuun waadaan galame waggoota lamaaf walakkaa darban keessatti irraa jalaan gochaan dhugoome.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ergama Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuufi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuu qabachuun harka tokkoon aggaammii diinotaa qolachaa harka biraatiin hojiiwwan misoomaa magaalaafi baadiyyaatti baay’ina, qulqullinaafi ariitiin hojjechuu itti fufe. Kanaanis humna Mootummaafi humnoota waloo fayyadamuun, tarkaanfiiwwan haaraa hojii irra ooleen gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin milkaa’inoonni danuun galmaa’aniiru.

Oromoon duudhaa isaa ganamaatti akka deebi’uuf labsii humnoota waloo qideessuu ba’een rakkoo hawaasummaa waloof Buusaan Gonofaan, Misooma Waloof Tajaajilli Lammummaa, haqa Waloof manni Murtii Aadaafi Nageenya Waloof Gaachanni sirnaa caaseffaman wabii uummata keenya tahuu mirkaneessan.

Gama siyaasaatiin injifannoon waloon akka biyyaatti gonfanne akkuma jirutti ta’ee, sabboonummaa Oromoo sirnaan ijaaruu, dinagdeen cimsuufi barnootaafi teknoloojiidhaanis humneessuu galma godhachuun hojii hojjetameen waadaan gochatti jijjiiramee siyaasni Oromoo moggaa irraa gara giddu galeessaatti akka dhufu taasifame.

Gama dinagdeetiinis baadiyyaafi magaalaatti cabiinsa dinagdee mudatee ture maksuun injifannoon gurguddaan galmaa’aniiru. Qonna Gannaa bara 2013/2014 keessa lafti hektaara miliyoona 6.3 misoomeen callaan kuntaalli miliyoona 188.2 ol argameera. Poteenshaala jiru daguuguun qonna kilaasteraa makaanaayizeeshiniin dabaaluun bara 2015/2016 keessa lafa hektaara miliyoona 9.6tti ol guddisuun callaan kuntaalli miliyoona 283 argamuu danda’eera.

Tarkaanfii haaraa misooma Qamadii Bonaatiinis bara 2014 yeroo jalqabaaf lafa hektaara kuma 669 misoome irraa callaan kuntaalli miliyoona 27.8 kan argame yoo ta’u bara 2015 keessa lafa hektaara miliyoona 1.1 misoomsuun callaan kuntaalli miliyoona 38.5 argachuun of danda’uurra dabarree biyya alaatti erguu jalqabuun seenaa haaraa dalagamedha. Bara 2016ttis muuxxannoo argame gabbisuun lafti misoomus dachaan dabalamee lafti hektaarri miliyoona 2.6 ol waktii Bonaatiin dachee Oromiyaa irratti misoomaa jira. Rakkoo hongee jijjiirama qilleensaatiin dhufu qolachuufis Pirojektii Finnaatiin hojiin ajaa’ibsiisoo ta’an hojjetamaniiru.

Gama hawaasummaatiinis damee Barnootaafi Fayyaa irratti jijjiirramni abdachiisaan galmaa’aniiru. Hojii tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa bu'uura boruu kuma 15 ijaaruun dhalootni bu’ura cimaa akka qabaatu taasifameera. Dahaloota saayinsiifi teknoloojiin ga’oome naannoofi biyyaaf keenyaaf uumuuf Manneen barnootaa Ifa Boruufi Ifa Boruu Bultii Addaa babal’isuunis milkaa’inni argamaa jiru oolee bulee kan mula’tu ta’a.

Damee fayyaatiinis waggoota muraasa darban dhaabbileen fayyaa 1500 kan ijaaraman yoo ta'u, Kellaa fayyaa dhaloota lammaffaa babal’isuunis hojii xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiran keessaa isaan muraasa.

Damee Turiizimii, Albuuda, Industiriifi Tajaajila Quunnamtii Odeeffannootiinis waadaan gochatti jijjiiramee ummata keenya fayyadamoo gochuun dandaa’ameera.

Shira Oromoo Magaalota irraa dhiibuu raawwatamaa ture hundeen buqqisuun Oromoon magaalota mimmiidhagoo pilaaniin isaanii eegaman akka qabaatuuf rifoormii magaalotaa gaggeeffameen magaalotni akkaataa walitti dhihoo jiraniin pilaaniin isaanii eegamee jiraattotaaf mijatoo akka ta’aniif hojiin hojjetame olaanaadha. Kanaanis magaalonni keenyaa kan Oromoo ofirraa dhiibaa guddatan osoo hin taane duudhaa Oromummaa calaqqisiisaa abba biyyummaa isaas mirkaneessaa akka guddatan taasifameera.

Kabajamtoota uummattoota naannoo keenyaa!

Injifannoowwan gama siyaas dinagdeefi hawaasummaatiin galmaa’an kanneen olitti caqasaman muraasniifi kanneen hin caqasamne hedduun kan galmaa’an akkasumaan osoo hin taane, hooggansa yaadee karoorsu, uummata hojjetee milkeessuufi aarsaa barbaachisu kaffalee injifannoo isaa tikfatu qabaachuu keenyaanidha. Injifannooleen kun jalqaba malee xumura keenya miti. Galmi keenya guddaa, daandiin keenyas fagoo waan ta’eef, waadaa keenyas haaressaa milkaa’inoota argaman dachaan daballee badhaadhina Itoophiyaa ni mirkaneessina!

Walii Galan Alaa Galan!

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Bitootessa, 2016
Finfinnee

28/03/2024
11/11/2023

Daandiin keenya Ida’amuu, Galmi keenya Badhaadhina!

Jijjiiramni kamuu akka salphaatti kan gadi dhaabamu miti. Jijjiirramni akka biyyaatti dhufe, abdii fi sodaa, humnoota jijjiiramicha barbaadufi hin barbaanne jidduutti falmii jabaan gaggeeffamaa tureera.

Qaamoleen garagaraa fedhii fi dantaa mataa isaanii irratti hundaa’udhaan jijjiiramicha tarkaanfachiisaa waan jiraniif, jijjiirama kana bu’uura cimaarra dhaabufi gadi jabeessuf qabsoo cimaa gaafata.
Humnoonni jijjiiramicha barbaadan jijjiirama dhufeefi hoggantoota jijjiiramichaa abdii guddaadhan eeggatu. Jijjiirramichi gochoota badaa, seeneffamaafi hanqinaalee sirna moofaa keessa turan adeemsa keessa jijjiiree, sirnaafi hojimaata gama hundaan haaraa ta’een bakka buusa jedhanii abdii guddaan eeggatu.

Faallaa kanaatiin ammoo, humnoonni jijjiirramichi itti dhufee daandii qaxxaamuraatin duroomuufi taayitaarra turuu baran, daandichi waan jalaa cufamuufi faayidaan isaanii itti hir’atuuf sirni ture hanqinni isaa sisirratee akka itti fufu gochuuf qabsaa’u.

Waggoota afran-shanan darban keessa sababa walitti bu’iinsa humnoota lamaan gidduutti uumamaa tureen, abdii fi gidiraan, tokkummaa fi adda addummaan, dinqisiiffannaa fi balaaleffannaan idil-addunyaa, guddinaa fi harkiffannaan, bilisummaa fi wal-dhabdeen garagaraa seenaa Itoophiyaa keessatti karaa ta’ee hin beeknen akka keessummeeffaman dirqisiise.

Jijjiiramni biyyaalessaa kun qormaata hedduu keessa darbaa jiraatus, daandii badhaadhina irraa ija osoo hin libsatin imala keenya itti fufnnee jirra. Galmi keenya Badhaadhina hundagaleessa..

11/11/2023

"Imala badhaadhina jalqabne tattaaffii bal'aa ummata keenyatiin mirkaneessina!"

Waadaa uummata keenyaf galle osoo galmaan hin gahin, badhaadhinni Itoophiyaas osoo hin mirkanaa'in, adeemsi miisoomaa, nageenyifi guddinni ishees galma barbaadame bira osoo hin gahin yeroon nuti qisaasnu goon kumaa hin jiraatu.

Paartiin Badhaadhinaa lafa osoo hin qotamin bulu, laga faayidaa malee akkasumaan yaa'u, baroota gidduutti yeroo akkasumaan qisaasa'aa darban gatii isaan nu kaffalchiisan hubatee, ummata qindeessudhaan imala keenya gara badhaadhinaatti taasifamu hojii qabatamaa keessa galuudhan ifatti jalqabee jira.

Imala kana keessatti bu’aawwan jalqabumarraa argamuu eegalan baay’ee jajjabeessaa fi abdachiisaa ta’uun isaanii hubatameera. Keessumattuu firiin gama damee qonnaatiin galmaa'aa jiran carraaqqii xiqqaadhaan bu'aa guddaan argamuu akka danda’us hubachuun danda'ameera.

Oomisha qamadiitin fedhii biyya keessaa mirkaneessuurra dabarree humna gara gabaa biyya alaatti erguu horachuudhan qamadii qulqullinaa fi barbaaddamummaa isaatiin filatamaa ta’e, jallisii bonee fi waqtii gannaatin omishaman kennaa keenya addaa ta’aniiru.

Tattaaffiin kuni yeroo ammaa cimee kan itti fufee jiru yoo ta’u, Itiyoophiyaan oomisha qamadiitin adda duree akka taatu tattaaffiin eegalame cimee akka itti fufu deeggarsa fi hordoffii barbaachisu ta'e cimsinee gara galma keenyaatti kan imallu ta'a.

Keessattuu, oomisha fooyya’aa dhiyeessuudhaan, filannoowwan xaa’oo babal’isuun, qonnaan bultoota keenya mala qonnaa booddetti hafoo keessaa baasudhaan bu’aawwan argaman dachaan dabaluuf fuula duraatti tattaaffii bal’aa kan taasifnu ta'a.

Bu’aan qamadii irraa argamu tattaaffii wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifnu deeggaruurra darbee, sosochiiwwan misoomaa gama hundaan taasisaa jirruuf humna dabalataa ta’ee akka itti fufu shakkii hin qabnu.

Imala badhaadhina jalqabne tattaaffii bal'aa ummata keenyatiin mirkaneessina!!!

Address

ShAGGAR
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when YEROO AMMAA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category