31/01/2026
Dogoggora hooggansaa sadan (Three Leadership Error):-
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
1.To'annoo humnaa olii(Micro Managing/Over control):-
hojjettoota humnaa ol to'achuu,activity hojjetaa hunda irratti nyakkisuu.
wantoota xixiqqoo iskiriptoon bade,waraqatni cite jedhanii hojjetaatti wacuu.guyyaa guyyaan walgahii waamuun waanuma hunda caqaccaquu.kallattii kennuu dhiisanii hojii namaa keessa galuun jeequu.
2.Hooggansa Murtoo hin qabne(Indecisive leadership);-
Hooggansi akkasii ofitti amanamummaa hin qabu.murtoo kennuu kan hin dandeenyedha.
sababa ofitti amanamummaa dhabuu isaatiin hojjettoota confuse kan godhu.waan hoogganu sana irratti beekumsa kan hin qabnee fi waa murteessuuf nama biraa kan eeggatu.hooggansa gad-deebituudha kun.
3.Yeroo hunda Ariifannaa kan uumu(Constantly creating Urgency);-
Hhoggansa akkasii bira duraa duuba hojii wanti jedhamu hin jiru.wanti hundi altokkotti akka xumuramu ajaja dabarsa.sanas,kanas hojjedhu jechuu,hojjetaan waan qabatee gadi dhiisu wallaalchisuun dogoggora baay'isa.
Walumaa galatti hanqinni hooggansaa biyya mudachuun waanuma jiru,garuu irraa barachuu dadhabuun dhukkuba hin fayyinedha.ana malee,karaako malee,shakkii baay'isuu,shira hojii taasifachuu,xawalwaallummaa,ariifannaa,waan hojjetan irratti beekumsa dhabuu,wallalummaa ofii dhokfachuuf to'annoo humnaa olii taasisuun namoota shakkamaa taasisuun biyya kuffisa.kanaaf dogoggoroota hooggansaa sadan armaan olii irratti of gamaggamuun biyyaa fi hawaasaaf bu'aa qaba.
Dogoggoroonni akkasii kun waajjiraalee hedduu keessatti yeroo nu mudatan waanin argeefan barreesse. irraa fayyuun kan abbaati!
"Weak leaders"😎