03/03/2026
.
Isheen mucaa xiqqoo callisteema waraqaaf peennaa argiteedhaaf waa katabdu miti. Isheen kun xiinsammuu, Abdii, Hawwii, karoora egeree, abjuu, jaalala barnootaa fi jabina Hawwaasa Keessaa baatee mul'isti. Isheen kun waanta ijoolleen hedduun magaala keessa soofaa irra taa'anii hin goone, bakka sodaachisaa, Haa turuu daa'ima, bineensi bosonaayyuu itti lubbuu of baraaruu malee waa yaaduuf hin yaalle keessa, lafa gobaan qaama nama waraanu irra quphantee waa barreessiti.
Isheen kun buqqatiin addunyaa fi biyyuma kana keessatti ennaa hedduu yeroo tahu waan daa'imni gootu boohicha, gadda yookiin ija keessa nama ilaaluu miti kan isheen goote, isheen peennaa huutee waraqaarratti waan keessashee jiru akkanni katabuuf dirqisiisaa jirti. Isheen kun adda.
Isheen kun yeroo hunduu lubbuu qofa of baraaruuf kaatutti firashee tokko qabatteedha manaa baate. Peennaa namni hedduun hin yaadanne, bu'ee baduufii waraqaa adii. Firashee kana duukaa waliin dubbii gochuuf haalonni isheen keessa jirtu ishee hin dirqine. Hiriyyoota waliin mana barumsaatti beektu, mana barumsa ishee jaallattu sana gidduu akka waan jirtutti haala ishee marse dhiistee gad jetteetti, lafatti osoo hin taane waraqaatti.
Isheen Kun Haamileedha, Abbootashee abdii kutatanii ciisaniif nu obbolootashee warra barumsaan isheerraa fagaateef. Isheen kun xiyyadha. Uummanni barate, Uummanni dammaqee waa katabu, Uummanni Afaan guutee lakki jedhu akka deddeebiidhaan waraanamu. Isheen kun alaabaadha; Alaabaa Dooktar Haayilee fidaan qabatu, boor guyyaan kun darbee Uummanni barate, dammaqee fi hidhate akka garbummaa oduu durii godhu.
Isheen kun daa'ima miti,Xiinsammuu Hawwaasichaati.
Baga nu barsiistan, galatoomaa.