Obsa jemal page

Obsa jemal page Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Obsa jemal page, Grocers, 0949835228, Addis Ababa.

29/04/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Amin Kadirii, Sarhuk Mucaa Harara, Xibaaraa Barattootaa, Obsiishaa Aliyyii, Siff Tanan Qashaxii

Osoo Namni hundi Si jibbeeyyuu Kophaa koo Si jaaladha. hanga ati Sirrii jirtutti hanga ani addunyaa kanarra jiruttis Si ...
11/02/2026

Osoo Namni hundi Si jibbeeyyuu Kophaa koo Si jaaladha. hanga ati Sirrii jirtutti hanga ani addunyaa kanarra jiruttis Si jaalachuu fi sii deegaru hin dhiisu!❤️

Ummanni musliimaa magaalaa Aksuum ummanni hundi sagalee akka isaaniif ta'u iyyatan.Hamiltan:- 9/2018 Finfinnee Naannoo T...
19/10/2025

Ummanni musliimaa magaalaa Aksuum ummanni hundi sagalee akka isaaniif ta'u iyyatan.

Hamiltan:- 9/2018 Finfinnee
Naannoo Tigraay magaalaa Aksuum keessatti bara darbe barattoota shamarranii hijaaba isaanii uffatanii akka hin barannne dhoorkuun qoruumsa daree irraa hanga qoruumsa biyyoolessaa akka jala darbu godhanii turuun ni yaadatama.

Kun osoo kanaan jiruu yeroo ammaa kana muslimoota naannawa sana jiraatan irratti rakkoo biraa fidee jira.

Hordoftoota amantii islaamaa magaalaa kana keessatti jiraatan irratti doorsifni garagaraa godhamaa akka jiru Harun miidiyaan maddoota isaa ibsuun gabaasee jira.

Dhimma kana irrratti wal-gahiin hedduun godhamaa turuu eeruun, wal-gahii kana gochaa kan turan:-
✓ Waajjira Kantiibaa Aksuum
✓ Waajjira Nageenyaa Aksuum fi
✓ Waajjira zoonii giddu-galeessaa Aksuum akka ta'e beekkamee jira.

Wal-gahii kana irrratti manneen amantii biroo akka taajjabdootaatti kan dhihaatanii fi marii kanaan booda deebiin ummata musliimaatiif kenname, lafa kan isiniif kennineef irra haa jiraattaniif malee masjiida irratti ijaarattan akka itti salaattaniif miti kan jedhuudha.

Itti dabaluunis sagalee azaanaa dhagahuu hin barbaadnu kan jedhan yoo ta'u, azaanaa fi salaata itti fufna yoo jettan magaalattii gadi-dhiifatanii bahuu qabdan yaadni jedhus dhihaachuu jiraattonni himaniiru.

Kana gochuu yoo baattan miidhaan cimaan akka bara 1984 isin irra gahuuf deema jechuun doorsisaa jiraachuu erga eeranii booda, qaamni dhimmi ilaallatu daddafee akka

Naannoo Affaaritti balaa kirkira lafaan lubbuun nama tokkoo yoo darbu manneen kuma 43 ol tajaajilaan ala ta'aniiru******...
12/10/2025

Naannoo Affaaritti balaa kirkira lafaan lubbuun nama tokkoo yoo darbu manneen kuma 43 ol tajaajilaan ala ta'aniiru
******

Naannoo Affaar Godina Kaabaa Aanaa Barhaaleetti balaa Kirkira Lafaa mudateen namaafi qabeenyarra miidhaan gahe.

Bulchaan Aanichaa Obbo Alii Huseen, sababa kirkira lafaan ijoolleen umrii ganna 12 lubbuun yoo darbu namoonni 6 irrammoo miidhaan qaama gaheera jedhan.

Aanicha keessaa gandoota Bureefi Asgubii jedhamanitti manneen hedduun jijjiguus eeraniiru.

Manneen kuma 43f 456 guutummaan jijjiguun lammiileen golee mana jireenyaa malee bakkeetti hafuus eeran.

Miidhamtootaaf deeggarsi taasifamuuf hojiileen eegalamuus ibsaniiru. AMN

Trump: 🔊🗣️Badhaasa Noobeelii nagaa isheen injifatte naaf bilbiltee, 'ani badhaasa kana kabajuma keessaniin fudhadhe, sab...
11/10/2025

Trump: 🔊
🗣️Badhaasa Noobeelii nagaa isheen injifatte naaf bilbiltee, 'ani badhaasa kana kabajuma keessaniin fudhadhe, sababni isaas badhaasichi isinumaaf mala' naan jette.

🗣️ Ani garuu maarree erga akkas ta'ee naaf kennika isheen jechuu nan dhiisee" 🥹

Qaama waliigaltechaa kan ta'e Koreen Masrii lammilee Fala🇵🇸sxiin kumaatamaan lakkaa’aman kibba irraa gara bakka isaan ir...
11/10/2025

Qaama waliigaltechaa kan ta'e Koreen Masrii lammilee Fala🇵🇸sxiin kumaatamaan lakkaa’aman kibba irraa gara bakka isaan irraa buqqifaman kaabaat Ga*💔zaatti deebisaa jira

UStti dhohiinsa warshaa meeshaa waraanaatti muudateen achi buuteen namoota hedduu dhabame. *******Ameerikaa keessatti dh...
11/10/2025

UStti dhohiinsa warshaa meeshaa waraanaatti muudateen achi buuteen namoota hedduu dhabame.
*******
Ameerikaa keessatti dhohiinsa warshaa dhootuwwan meeshaalee waraanaa omishu keessatti muudateen namoonni 19 achi buuteensaanii dhabamuu poolisiin beeysise.

Dhohiinsi kun Teenis irraa fageenna km 90 irratti kan argamtu kibba baha Neeshviilitti Jimaata, Onkoloolessa 10, muudate.

Ajajaa poolisii Kaawuntii Hamfireeyis kan ta'an Kiriis Deevis akka jedhanitti kanneen du'aniin alatti namoonni dhohiinsa kanaan miidhaman hospitaala dhiyeennatti argamutti geeffamaniiru.

Dhohiinsa warshaa dhootuwwan meeshaalee waraanaa omishu kanatti muudateef hanga ammaa sababni isaa akka hin baramnes himan ajajaan poolisii kun.

Viidiyoowwan qoodaman irraa akka mul'atutti konkolaatawwaniifi warshichi mancaa'ee gubatee dirree keessa faca'eera.

Lakkoofsa namoota du'anii ilaalchisee poolisiin odeeffannoo kennuu irraa of qusateera.

Ajaajan poolisii Kiriirs Deeviis akka jedhanitti dhohiinsi jalqabaa mudachuu hordofee hojjattoonni lubbuu baraaran yeroo qaqqaban dhohiinsi lammataa muudachuun hojjattoonni lubbuu baraaran akka duubatti deebi'an godhe.

Hojjattoonni warshicha keessa hojjataa turan "achi buutensaanii dhamabeera ykn du'aniiru" jechuun dubbatan.

Qondaalli poolisii kun akka jedhanitti, dhohiinsi mudate baay'ee guddaa ta'uurraa kan ka'e fageenna km 25 irratti sagaleen dhohiinsaa dhagahameera.

Dhohiinsi warshaa meeshaa waraanaa keessatti muudate tasa kan mudateedha moo itti yaadameetu jedhamuun kan gaafataman Kiriis Deevis, "dhugaasaa bira gahuuf (itti yaadameeti) jennee ka'uu dandeenna" jechuun akka qoratan ibsan.

Bulchaa Bulchiinsa Teenis kan ta'an Biil Lii fuula miidiyaa irraatti taatee muudate "balaa rifaasisaa" jechuun ibsan.

Warshaan lafa bal'aa irratti ijaarame dhootuwwan akka C-4, TNT fi dhootuwwan meeshaalee waraanaa gurguddoofi kaan kan omishu yoo ta'u, dhootuwwan omishamanii man-kuusaa keessa jiran heddus akka ta'antu himame.

Warshaa kana kan hoogganu dhaabbat

Breaking News!!Mootichi Kooriyaa kaabaa King Joon yeroo ammaa Misaa'eloota haaraa argisiisuun isaa warra lixaa mataan dh...
11/10/2025

Breaking News!!

Mootichi Kooriyaa kaabaa King Joon yeroo ammaa Misaa'eloota haaraa argisiisuun isaa warra lixaa mataan dhaabaa jira!! Keessattuu Misaa'eloota ardii qaxaamuruu danda'an jadhamu argisiisuun isaa ab Trump Isaa Nobelii nageenya Nobel Peace Prize dhabe naasuu keessa jiru ammas Kooriyaan Kaabaa meeshaalee waraana gurguddaa haaraa fi Misaa'eloota haaraa gadi baasuun Trump fi warri lixaa yaaddoo keessa galaniiru!! King Joon Abbaa Niikuleeraa! 🙂👇

Abbaa Qeerroo fi Qarree baga geesse ❤️💚❤️
04/10/2025

Abbaa Qeerroo fi Qarree baga geesse ❤️💚❤️

Finfinneen Magaalaa gudditti Oromiyaati. Wallisaan Oromoo hangafni Kadiir Martuu Oromoo fi Oromiyaaf qabsa'aa ture. Amma...
05/05/2025

Finfinneen Magaalaa gudditti Oromiyaati. Wallisaan Oromoo hangafni Kadiir Martuu Oromoo fi Oromiyaaf qabsa'aa ture. Amma Kedir Mertu Finfinneetti mana Jireenya akkasumaa hojii maatiin isaa ittiin jiraattu qopheessuun dirqama lamummaafi Oromummaati. Kana ammoo ummatni Oromoo bulchisni Magaalaa Finfinnee Kantiibaa Adaanech Abebee irraa eegaa jira. Kanaaf sochii bulchisi magaalaa Dirree Dawaa Kantiibaan Kadiir Jawar eegale san bulchisa Magaalaa Finfinnee irraas eegaa jira ummatni. Kanaaf Finfinnee keessatti manni Jireenya fi Iddoon hojii akka Wallisaa Kadiir Martuuf kennamu gaafanna!! Namni yaada kana deeggartan hundi 👉 Share godhuun bulchisa Magaalaa gudditti Oromiyaa Finfinnee biraan gahaa!!

Oromoo post kana gartee bira hin dabrin Share waliif gootanii Kantiibaa Magaalaa finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen biraan gahuu qabdan
Kadiir Kheenya Magaalaa Finfinneetti galee ibaadaa isaa hojii isaa hojjachuu qaba
baarakallaahu fiikum

Address

0949835228
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Obsa jemal page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category