Jaal Gutamaa Gurmuu

Jaal Gutamaa Gurmuu Guy

Michuu keetii naan jetteeMuka na wajjiin korteeDurfamnaan daba yaaddeeDudduuba kan koo gortee?Kufnaan hafuun hin jiruNi ...
27/01/2023

Michuu keetii naan jettee
Muka na wajjiin kortee
Durfamnaan daba yaaddee
Dudduuba kan koo gortee?

Kufnaan hafuun hin jiru
Ni agarta bakkasii
Faachoo wal kutuun kuni
Maali hojiin akkasii?

Hin jiru na darbaattee
Kophaa qasaatee sirbuun
Wal-ajjeesnaa otuun taane
Wajjiin duunadha irbuun

Anumti daandii saaqnaan
Dudduuba kankoon yaabdee
Faachoo harkaan harkistee
Imala kankoo dhaabdee?

Anatu sii ol jiraa
Diddu sirrattan kufaa
Wajjiin misoomni

Abdiin kan fulaa koo Duraa jiruu walabummaa oromoof oromiyaa tii
26/01/2023

Abdiin kan fulaa koo Duraa jiruu walabummaa oromoof oromiyaa tii

22/01/2023

Eenyunuu sin qixxeessu
Suma naaf firri koo
Abbaaf haadhakorra
Suma gaachanni koo
Itti beektuu ilmaa
Jaallee jaala qabsoo
Darbitee as geesseta
Ololaaf arrabsoo
Waardiyaa oromoo
Warra dhugaan michuu
Irraanis jalaanis
Ibiddi haa didichuu
Ati abdiin kutiin
Tikseen kan kee waaqaa
Abbaan yeeroo darbuuf
Waanuma arge laaqaa
Naaf jirta siif jira
Gurbaa mataa daabee
Oromoofan du'a
Laboobee lallabee
Jaallan falmaati dirree qabsoo jiran haanga daneesseef qoodi.

Haacaaluu Hundeessaagoota amboo keessaa Waa'een kee galgalaafganama yoom nu dhiisaaLeenca Onneen gaaraa Onnataa dhiiraaS...
23/12/2022

Haacaaluu Hundeessaa
goota amboo keessaa
Waa'een kee galgalaaf
ganama yoom nu dhiisaa

Leenca Onneen gaaraa
Onnataa dhiiraa
Seenaan kee yeroo hunda Onnee keenya keessa turaa

Ayii😭😭😭
Ati duutullee Seenaa
Tuullattee jirtaa
Seenaa keetiin yeroo
Mara yaadatamtaa

Akkami wal agartan moo
Usmaayyoo fii Eeybisaan
Gaafa wal agartan maal
Gaafiin isaan si gaafatan?

Dhiigni kee Raasaa
Jira Itiyoopiyaa
Silaas hanga haqni Kee
ba'utti hin yaadinaa nagaya

Haqaa kee hanga
baasanitti gonkumaa
Hin yaadamu tasgaabbiin
Hacee koo naagaatti boolla
Kee daadhiin haa guutuu
Siif haa araaramu Rabbiin
...✍️By Fu'ad Jawar
Galatoomaa 🙏

👇👇👇 godhaa

  QilxuuHangafticha goota Oromoo Isa harargee keessaa Qabsaa'aa ganamaa kan jalqaba dhuukaasee rasaasaGaafaa raasaasni d...
23/12/2022

Qilxuu

Hangafticha goota Oromoo
Isa harargee keessaa
Qabsaa'aa ganamaa kan jalqaba dhuukaasee rasaasa

Gaafaa raasaasni diinaa mudhii isaa seene
Luukkaadhaan hidhatee qabsootti seene

Guyyaa guutuu lolee osoo waraanamee jiruu
Gootni sa'aa 11:00 dhaammatee kute jiruu

Akkas jeedhee ture hoggaa wareegamu
Dubbiisaa tana qalbeeffadhaa namuu

"Manaa kaniin ba'eef bilissummaa oromootiifi haala kanaan du'uu caalaa wanti na gammachiisu hin jiru qabsoo eegalamte tana galmaan ga'uun dirqama isinirra jiru"

Gooticha Oromoo kan Rakkoon saba isaa akka hidhatu goote
Sabni ati rakkatteefii hidhatteefi wareegamteef arra maaf si dagate?

Eeyyeen Oromoo goota kee dagattee jirtaa
Osoo dagachuu baattee Finfinnee keessatti siidaa isaaf ijaartaa
Silaa yoom callistaa
Seenaa saa dubbattaa

Seenaasaa guyyaa biraa isiniif barreessina
✍️By Fu'aad Jawaar

Gochaa sukaneessa Wallaggaa Horroo Guduruu Aaanaa Amuuruu keessatti Gochaa sukkanneessaa hidhatoota faanoo amaaratin umm...
04/12/2022

Gochaa sukaneessa

Wallaggaa Horroo Guduruu Aaanaa Amuuruu keessatti Gochaa sukkanneessaa hidhatoota faanoo amaaratin ummata nagaa irra gaha jiruu

Warra onneen tulluuKan lolee baasu gumaaMirgaan galaa jajjabeekooInjifadhaa waan hundumaa~Yoo isin argu diinniMogoleedha...
09/11/2022

Warra onneen tulluu
Kan lolee baasu gumaa
Mirgaan galaa jajjabeekoo
Injifadhaa waan hundumaa
~
Yoo isin argu diinni
Mogoleedhaan kirkira
Uumaadhaa gaditti
Isintu biyyattiif jira!

Address

Facebook
Addis Ababa

Telephone

+251966720200

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jaal Gutamaa Gurmuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Jaal Gutamaa Gurmuu:

Share

Category