09/10/2025
Magaalaa Roobeetti barattoota qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasaaf beekkamtii kenne.
Kallacha Oromiyaa: Fulbaana 29,2018 Bulchinsi Magaalaa Roobee barattoota bara kana akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisaniif badhaasaaf beekkamtii kenneera.
Haaluma kanaan barattoota qabxii olaanaa galmeessisuun guyyaa har'aa badhaasaaf beekkamtiin kennameef keessaa muraasni
1.Bararataa kaalid Bashiir qabxii 592 fideef Qarshii 150,000 fi bilbila harkaa ismartii
2. Barattuu Biiftuu Nuuraddiin qabxii 570 fiddeef qarshii 50,000 fi bilbila harkaa ismartii
3. Barataa Beekaa Tsaggaayeef qabxii 569 fideef qarshii 50,000 fi bilbila harkaa ismartii
4. Barataa Iyyoob silashii qabxii 519 fideef bilbila harkaa ismaartii
5. Barataa Murteessaa Alamuu qabxii 505 fideef bilbila harkaa ismaartii
6. Barataa Boonsaa Galanaa qabxii 501.6 fideef bilbila harkaa ismaartiin kennameera.
Dabalataan, Abbaan qabeenyaa fi Koontiraaktarri Ijaarsa Waliigalaa Obbo Abduljaliil Qaasim hamilee barattoota kanneenii jajjabeessuun barattoota kutaa 12 ffaa sadeen walitti aanuun qabxii olaanaa galmeessaniif qarshii kuma 50 gumaachaniiru.
Kominikeeshinii Magaalaa Roobee
Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------