14/01/2025
%%Ejensii Geejjibaa Magaalaa Dodolaatti Gamaaggamni hojii Kurmaana 2ffaa gaggeeffame. %%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%%
Amajjii 06/05/2017 Ejensii Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Dodolaatti raawwiin hojii ji'oota jahaa hanqinaalee fi ciminaalee adeemsaalee hundaa gabaasni dhiyaatee, ogeeyyiin hundi yaada irratti kennuun xumura irratti hogganaa waajjiraa tiin kallattiin raawwii gara fuulduraa dhimmoota armaan gadii irratti kallattii kaa'uun xumuranii jira.
*Toora xiyyeeffannoo Shanan seektarichaa guutuun guututti hojii irra oolchuu.
*Dhimma Naamusaa irratti ogeeyyiin hundi harka qulqulluu fi laphee qulqulluun hawaasa tajaajiluu*Hawaasni keenya kennaa tajaajilaa keenyatti akka gammadu gochuu.
*Walumaa galatti Imaanaa mootummaa fi ummanni nutti kenne qaama dhimmi ilaallatu hunda waliin qindoofnee galmaan gahuu qabna jechuun xumuraniiru.