14/04/2026
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bureetti
Miseensi AB0 shanee qabameera.
*******************************
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Buree keessatti miseensi ABO Shanee tokko waraanaa garee shiiftaa ganuun miliquuf osoo jedhu ,sakattoo qamoolee nageenya fi Uummataan qabame jira.
Miseensi ABO Shanee maqaan Dhalotaa Isaa Nabiyyuu Malaakuu Garbaa kan ta'e maqaa qabso Jal Lammii jedhe of waamuu hojii humna Loojestikii diinaa guddaa naannoo lafa Albuudaa Ganda Tolii Ceekaa iddoo addaa Ballaa jedhamu keessatti waggaa tokoo oliif boba'udhaan gaali sassaba kan ture fi hooggansa diinaa ol aanoo kan akka Ebbisaa Tugee waliin hidhata cima kan qabu yoo ta'u,meeshaa waraana duubatti hafaa (Sks) qabata turee rasaasa lama (2) waliin qabata turee holqa mukaa keessa dhoksuun gara magaalaa Buree seenun sakatto caasaa nageenya keenya taasiseen fuula haaraan kan qabame fi qorannoodhaa irra kan gahame jiru yoo ta'u tattaaffii caasan nageenya taasiseen bakka adda Laga birbir naannoo baalla jedhame beekamu meeshaa kana baasisun danda'ameeraa.
Murni Saamtuu kun qaama nageenyaati akka himeetti waraanni kun abdii kutuun waliitti bu'aa jiraachuu himuun,daandii gareen kun qabatee jiru Saba Oromoo kan hin fayyadnee ta'u dubbachuun hidhannoo isaa dhoksee nama biroo of-fakkeesuun sochoo'aa otoo jiru qabamee jira.
★Nagaan_Hundaaf
★Hundii_Nageenyaaf