Finfinnee Tone

Finfinnee Tone Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Finfinnee Tone, Grocers, Adama.

04/05/2024

“Du’aa ka’uun Yesuus, guca injifannoo imala jireenya haaraa araaraan guutamedha” Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Waaqayyo jalqabatti Waaqaafi lafa; itti aansuunis uumama hunda uume. Namas akka bifaafi fakkeenya isaatti uumee ofitti aansee Addunyaa kanas akka bulchuuf Angoo gonfachiise. Itti gaafatamummaas hidhachiise, seeraafi sirna qabsiisee Jennata Eden eebbaan guute keessatti jireenya akka isaaf mijeesse macaafni qulqulluun dhugaa ba’eera.

Ilmi namaa garuu jireenya dhugaafi eebbaan guute kana dagachuun goyyomsaafi shira daabiloos kiyyeesseen xaxamee jireenya qormaataan guutame keessummeesse. Akkasiin ilmi namaa jireenyarra du’a, ifarra dukkana, gammachuurra gadda, eebbarra abaarsa, ce’umsarra kufaatii, dhugaarra soba, jaalalarra jibba, wal utubuurra wal diiguu gochoota walii faallaa jireenyaaf hin mijoofne keessummeessee jooraafi jaawwaraa du’a bara baraaf kaadhimame ta’e.

Waaqayyo garuu ilma namaa fuula isaatii bade barbaachaaf nama ta’ee mul’achuun karaa jireenyaafi dhugaa gara mootummaa Waaqayyootti deebisu barsiisee; araarri, jaalalliifi tokkummaan mo’aa akka ta’e hubachiise. Abboommiiwwan mootummaa waaqaa hubachiisaa, dogoggora kaleessaa barsiisa qajeelaan sirreessaafi shira daabiloos kiyyeesse hunda ciruun imala ilma namaa gara jaannamaatti ture gara jireenya bara baraatti deebisuu cimsee itti fufe. Hanga du’a Fannoottis rakkinaafi dhiphina ilmaan namootaa hunda baatee du’ee du’aa ka’uu isaatiinis shira daabiloos bakkaa balleesse. Akkasiin ilma namaa ofitti araarsuun abdii deebi'ee baduu hin dandeenye kakuu haaraas namootaaf dhaabe.

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hunda biratti du'aa ka'uun mallattoo jireenya haaraa eebbaan guuteefi kennaa gati jabeessa Yesuus Kiristoosiin argame akka ta’etu amanama. Daandiin Yesuus irra deeme, jaalalaafi nagaan inni agarsiises, gadi ofdeebisanii tajaajiluun, jaalalaafi obsaan wal danda’uufi namoota hunda kabajuu inni raawwate fakkeenya godhachuun hunda keenyarraa eegama. Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa baga guyyaa ayyaana Du’aa ka’uu Yesuus kiristoos bara 2016 nagaan geessan, baga waliin geenye.

Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Kiristaanaafi uummata naannoo keenyaa; biyyi keenya qormaatileen kan guutamteefi sirna uummatummaa ijaarame dhabuu isheetiin ilaachi finxaalesummaa kan keessatti dagaage turte. Sanaanis wal takaaluu malee riqicha ce’umsaa waliif ijaaruun kan hin turre, rakkinoonnis akka gocha gaariitti seeneffamuu isaanii irraa kan ka’e dogoggoroonni akka gocha sirriitti fudhatamaa dhufaniiru. Kaan isaanii hojmaata keessa galuun alseerummaan akka seeraatti, dirqama ba’uu dhabuun akka mirgaatti fudhatamuun yeroo dheeraaf waan tureef jireenya hawaas diinagdeefi siyaasa biyya keenya miidhaniiru.

Mootummaan keenya rakkinoota kuufama waggoota dheeraa cabiinsi hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa dhale bu’uura irraa furuuf “dhiifamaan ida’amnee jaalalaan haa ceenu” ejjennoo jedhu qabachuun hojjechaa jira. Biyyi keenyas kan tokko ofitti qabdee kaan moggaatti dhiibdu akka hin taaneef biyya sirni sabdaneesummaan hojiirra itti oolu, hundarraa, hundaafi hundaan ijaaruu jalqabnee jirra. Kuufamni qormaatilee biyya keenya keessa turan caaseffama gadi fagoo kan qabaniifi walxaxoo ta’uu isaanii irraa kan ka’e qorachuun sirreessuu, diiguun ijaaruu kan gaafatanidha. Sanaanis dogoggoroota akka sirnaatti ijaaramaa turan hundeen diigaa tokkummaa sabdaneessummaa ijaaraa jirruun injifannoon kan waloo ta’aa jira. Imala badhaadhinaa eegalleenis qormaattota injifachaa milkaa’inoota ajaa’ibsiisaa galmeessuu eegalleerra; uummata keenya qindeessuun hojiiwwan hojjetaman hundi daandii milkaa’inaa biyyaafi naannoo keenya cimsaniiru.

Injifannoon siyaasaa dhiigaan argame dafqaanis dabalamuu qaba. Uummanni dinagdeen hin ijaaramne injifannoo guutuu waan hin qabaanneef ummanni keenya dinagdeen of ijaaruufi hooggansi keenyas dinagdee hoogganuun dhimma xiyyeeffannoo addaa barbaadudha.

Itoophiyaan biyya Amantaa hedduu waan taateefis duudhaan wal danda’uufi waliin jiraachuu cimee itti fufuu qaba. Nageenya naannoo keenyaa mirkaneessuufis hojii hojjetameen qaamoleen dhugaa itti fakkaatee qe’ee isaaniirra bosona filachuun uummata dararaa turan hedduun balbala nageenyaaf saaqame simatanii nagaan galaa jiru. Kanaanis imalli jalqabne amansiisaa milkaa’inni argamaa jirus dachaadha. Uummata keenya waliin qindoofnee qormaata hunda ni injifanna; badhaadhina eegalles ni milkeessina. Ammas qaamoleen jiruufi jireenya hawaasaa jeeqaa, nageenya uummataas booressaa jiran gara nagaatti akka deebi’aniif harki nagaaf diriire hin dachaane, balballi araaraaf banames hin cufamne. Kanaafuu humnoonni kun nagaafi araaraan akka galan irra deddeebinee waamicha dabarsina.

Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Kiristaanaa naannoofi biyya keenyaa hundi baga guyyaa seena qabeessa guyyaa yaadannoo du’aa ka’uu Yesuus kan bara 2016 nagaan geessan; baga waliin nu ga’e jechaa, wayiita ayyaanicha kabajnu kan daare uffifnee, kan beela’e nyaachifnee, kan dhukkubsate gaafannee jaalala, tokkummaa, nagaafi araara lallabuun ta’uu akka qabu hawwii gaarii qabun isiniif dhaama.

Ayyaana gaarii nuuf haa ta’u!
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina;
Waaqayyos nu gargaara.
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Ebla 26/2016
Finfinnee

30/04/2024
Tuffee kaafatanii eessaan 1ffaan bahu?
28/08/2023

Tuffee kaafatanii eessaan 1ffaan bahu?

09/07/2023

Follow Finfinnee Tone

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Finfinnee Tone posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category