02/10/2025
!
Dhaabbanni Injiner Nagaraa Dhugumaa Investment Group Galma Waltajjii Uummata Aanaa Amboo Ganda Qibaa Kubeetiif ijaare Bakka Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataan Argamanitti eebbifame.
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Qibaa Kubeetti Galmi Waltajjiif oolu eebbifame.
Fulbaana 22,2018 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Qibaa Kubeetti Galmi Waltajjiif oolu Bakka Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa argamanitti eebbifame.
Galmi kunis dhaabbata Injiiner Nagaraa dhugumaa Investimenti guruupiin kan ijaarame ta'uu ibsameera.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa ibbo Didhaa Guddataa Dhaabata Injiiner Nagaraa Dhugumaa galateeffatanii galmi ijaarame bakka eenyummaan uummataa itti dagaaguufi aadaa fi Safuu keenya ganamaa itti mirkana'uu ta'uu himaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa gurmaa'insa Gandaa Hojiirra oolchuun murtoo namni barate itti Dhiyeenyaan Hawaasa isaa akka tajaajiluuf murteesse Hawaasaa Fayyadamaa taasiisaa jiraachuu himaniiru.
Bulchaan Aanaa Amboo obbo Masarat Guddisaa Aanaan Amboo hojiilee kennatajaajila hawaasaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu himanii gurmaa'insi Caasaa Gandaa erga hojiirra oole rakkoon kenna tajaajilaa hawaasaa furamee jiraachuu dubbataniiru.
Injineer Nagaraa Dhugumaa galma kana ji'oota muraasa keessatti ijaaruun kan xumuran yoota'u maallaqa qarshii miliyoona 16 ijaaruun xumuranii jiraachuu ibsaniiru.
Hawaasni galmi kun ijaarameefis gammadanii jiraachuu dubbataniiru.